Taphni eeggamaa ture Maanchisteer siitiin liver puuliin Injifachuun sadarkaasaa gara 2ffaatti guddiseera - ENA Afaan Oromoo
Taphni eeggamaa ture Maanchisteer siitiin liver puuliin Injifachuun sadarkaasaa gara 2ffaatti guddiseera
Sadaasa 1/2018(TOI)- Piriimer liigii Ingilizitti sagantaa torban 11ffaan Maanchisteer siitiin liver puuliin 3 fi 0 injifateera.
Tapha Halkan Istaadiyeemii Itihaatti gaggeeffameen Arliing haalaandi, Zyirmii dokuu fi Niiko gonzaalez goolii injifannoo lakkoofsisaniiru.
Arliingi Haalaandi taphichaan rukkuttaa adabbii argatee balleesseera.
Siitiin taphichaan morkataasaarra haala fooya’een carraawwan gooliif dhihaatan uumeera.
Bu’icha hordofee Maanchisteer siitiin liigichatti injifannoo torbaffaa galmeessisuun qabxii 22 gara sadarkaa 2ffaatti guddisaniiru.
Dursaa Liigichaan Arsenaal garaagarummaa qabxii qabu gara 4tti gad-buuseera.
Faallaasaan liigichatti yeroo shan kan Injifatame Liverpuul qabxii 18n gara sadarkaa 8ffaatti gad- bu’eera.
Arliingi Haalaand liigichatti baay’ina gooliiwwan lakkoofsiseen gara12tti guddisuun galchii goolii hedduu lakkoofsisuusaa cimseera.
Haaluma wal-fakkaatuun taphoota biroo har’a gaggeeffamaniin Astonviilaan bornimawuzin 4 fi 0 yoo injifatu Birentifordi Niwukaastiliin yunaayitidiin, Notingihaam foresti liidsi Yuunaayitidiin haaluma walfakkaatuun 3 fi 1 injifateera.
Kiristaal paalas biraayiteeniin goolii malee wal-qixa adda bahaniiru.
Piriimer liigii Ingilizitti tapha gareewwan biyyoolessaa Idil-Addunyaan booda torban lamaa booda sagantaa torban 12ffaa ni deebi’a.