Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa du’a piroofeesar Laphisoo Ge Delebootti gadda itti dhaga’ame ibsan - ENA Afaan Oromoo
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa du’a piroofeesar Laphisoo Ge Delebootti gadda itti dhaga’ame ibsan
Onkoloolessa 30/ 2018(TOI)- Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa du’a piroofeesar Laphisoo Ge Delebootti gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.
Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin hawyyuu fi qorataan seenaa Itiyoophiyaatti abbaa seenaa jedhamuun kan beekaman piroofeesar Laaphisoo Ge Delleboo du’aan boqochuusaaniitti gaddeera jedhaniiru.
Piroofeesar Laaphisoo bara lubbuun jiratitti biyya keenyaaf akkasumas qu’annoo fi qorannoo seenaa Afriikaa keessatti gumaacha olaanaa gumaachaniiru jedhaniiru.
Hayyuun kun kitaaba seenaa garagaraa kan maxxansiisanii fi damee Kanaan iddoo guddaa kan qaban turan jechuun ibsaniiru.
Waaqayyo lubbuusaanii jannata haa galchu kan jedhan itti aanaan ministira muummee maatiisaanii, firoottan isaaniif jajjabina hawwaniiru.