Tamsaasa Kallatti:

Leenjiin hooggantoota paartii badhaadhinaaf kennamaa ture qajeelfama hojii pirezidaantiin paartichaa fi ministirri muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin xumurame

Onkoloolessa 30/2018(TOI)- Leenjiin hooggantoota paartii badhaadhinaaf kennamaa ture qajeelfama hojii pirezidaantiin paartichaa fi ministirri muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin xumurameera.

Itti aanaan pirezidaantii paartichaa fi hoogganaan waajjira muummee paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah akka beeksisanitti, leenjiin hooggantoota olaanoo paartii badhaadhinaaf mata duree”ilaalcha mootummaa ida’amuutiin, tarkaanfannaa sektarootaa” jedhuun mata dureewwan garagaraa irratti Onkoloolessa 19 amma 30tti magaalaa Adaamaa fi Finfinneetti kennamaa ture qajeelfama pirezidaantiin paartii badhaadhinaa Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin har’a milkaa’inaan xumurameera jedhan.

Hooggantoonni paartii keenyaa guutuu Itiyoophiyaarraa walitti dhufan 2000 ta’an kan irratti hirmaatanii fi leenjii  tokkummaa yaadaa uumuu fi raawwii qabatamaa guddisuuf faayidaa olaanaan irraa argame Kanaan paartiin keenya fakkeenya sab daneessummaa ta’uunsaas qabatamaatti lan iratti calaqqisedha jechuun ibsaniiru.

Qindeessitoonni, leenjiftoonni, mariisiftoonni, dhaabbileen nageenyaa, mootummaan naannoo Oromiyaa fi dhaabbileewwan mootummichaa garagaraa, bulchiifni magaalaa Adaamaa, bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi hooggantoonni leenjicharratti hirmaattan hundi leenjichi jalqabamee amma xumuramutti gumaacha taasitaniif maqaa paartii badhaadhinaatiin galata onneerraa madden isiniif galcha jedhaniiru obbo Adam Faaraah ergaa dabarsaniin.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015