Piriimar Liigii dubartootaan Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa injifannoo walitti aanaa galmeessise - ENA Afaan Oromoo
Piriimar Liigii dubartootaan Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa injifannoo walitti aanaa galmeessise
Onkoloolessa 29/2018 (TOI)-Torban shanaffaa Piriimar Liigii Dubartootaa Itiyoophiyaatiin Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa kutaa magaalaa Boolee 3 fi 0’n mo’ateera.
Tapha Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti gaggeeffameen Masaayi Tamasgeen galchii lama yoo galchitu Radi’eet Asrassaaheny tokko galchiteetti.
Akkaataa qabxiikanaan mo’ataan liigichaa kan yeroo baankiin daldalaa Itiyoophiyaa taphni lama osoo isa hafuu qabxii jahaan sadarkaa afraffaa qabateera.
Tapha Liigichaan yeroo sadii kan mo’ame kutaan magaalaa Boolee qabxii wal fakkaataa jahaan galchiin caalamee sadarkaa jahaffaa qabateera.
Tapha biraa har’a gaggeeffameen Machaala Magaalaa Arbaa Minci 2 fi 0’n mo’ateera.