Bunni Sidaamaa Liigichaan dursuu eegale - ENA Afaan Oromoo
Bunni Sidaamaa Liigichaan dursuu eegale
Onkoloolessa 29/2018 (TOI)-Torban shanaffaa piriimer liigii Itiyoophiyaatiin Bunni Sidaamaa Midire gannet Shiree 2 fi 1’n mo’ateera.
Tapha Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti gaggeeffameen Fiqrayyasuus Takla Birhaan fi Birhaanuu Baqqalaa galchii mo’annaa galchaniiru.
Abeel Maammush Midira gannet Shireef galchii tokko galcheera.
Bunni Sidaamaa Liigichaan yeroo afur mo’atee qabxii 12’n liigicha dursuu eegaleera.
Gama biraan bara dorgommii kana yeroo lama kan mo’ame Midire Gannat Shireen qabxii shaniin sadarkaa 11ffaa qabateera.
Madin Itiyoophiyaa fi magaalaan Arbaa Minci Istaadiyeemii Finfinneetti taphatanii galchii malee gargar bahaniiru.
Taphataan magaalaa Arbaa Minci Yihun Indaashaawu daqiiqaa 51’n kaardii keelloo lamaa kaardii diimaan dirreerraa baheera.
Mo’ataan liigichaa kan yeroo Madin Itiyoophiyaan qabxii shaniin sadarkaa 10ffaa yoo qabatu, magaalaan Arbaa Minci qabxii sadiin sadarkaa 16ffaa qabateera.