Tamsaasa Kallatti:

Hoospitaalichi ka'umsaa fi ittisa kaansarii harmaa irratti qindoomina qooda fudhattootaa cimsaa jira

Onkolelessa 29/2018(TOI) - Ka'umsaa fi ittisa kaansarii harmaa irratti hubannoo cimsuun du'aatii haadholee xiqqeessuuf qindoomina qooda fudhattootaa cimsuu isaa Hospitaalli Rifaraala Goobbaa beeksise.

Hospitaalichi maalummaa dhibee kaansarii harmaa, qorannoo dursaa fi yaala isaarratti qooda fudhattoota gara garaa wajjiin marii geeggessee jira.

Saganticharratti kan argaman Hirmaataa Pirofeesaraa Muhammadamaan Maammaa akka jedhanitti, Hospitaalichi yaala kaansarii dhaqabamaa taasisuuf hojjachaa jira jedhan.

Sadarkaa addunyaatti Onkoleelessi ji'a hubannoon kaasarii harmaa itti uumamu ta'uu kan ibsan daarektarichi hojiilee hubannoo cimsuu irratti hojjatamaa jiraachuus yaadachiisan.

Hospitaalichis iddoolee gabayaa fi dhaabbilee fayyaatti buufataalee yeroo dhaabuun hubannoo hawaasaaf kennuun cinaatti qorannoo kaansarii harmaa bilisaan taasisaa jiraachuus dhugooman.

Hospitaalli Rifaraala Goobbaa tajaajiloota yaala dhibee kaansarii dabalatee,qorannoo city scan, Endoscopy fi paatooloojii kanneen duraan jiddugala biyyaa qofatti argaman kennuun dadhabbii hawaasarraa hambisuu eegaluu dubbatan.

Dhukkubsattoonni kaansarii harmaa erga dhibeen isaanii sadarkaa ol'anarra gahee fi tatamsa'uu eegalee gara dhaabbilee fayyaa dhufuun yaala ulfaataa taasisu kan jedhan ammoo Hospitaalichatti Ispeeshaalistii yaala kaansarii Doktor Addis Gullilaati.

Dhibeen kaansarii harmaa yeroon yoo beekame yaalaan fayyuu ni danda'a kan jedhan Doktor Addis, hawaasni qorannoo dursaa taasisuun akka of beeku hubannoo uumuun barbaachisaa ta'uu dubbatan.

Akkasumas hawaasni haala jireenya isaa jijjiiruun, sochii qaamaa taasisuun, araada irraa fagaachuun dhibee kaansarii ofirraa ittisuu akka qabus dhaaman.

Hirmaattonni sagantichaa gama isaaniitiin hubannoo maalummaa, sababootaa fi ittisa kaansarii harmaarratti argatan namoota birootiifis kan qoodan ta'uu himan.

Saganticharratti abbootii gadaa, haadholee siiqee dabalatee qooda fudhattoonni seektaroota mootummaa Magaalaa Roobe fi Godina Baalee argamanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015