Tamsaasa Kallatti:

Ajajni bahaa bakka dirqama itti bobba’etti  ergamasaa Kutannoo fi Gahumsa cimaan bahaa jiru cimsee itti fufeera- Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee

Onkoloolessa 29/2018(TOI)-Ajajni bahaa bakka dirqama itti bobba’etti ergamasaa Kutannoo fi Gahumsa cimaan bahaa jiru cimsee itt fufu Itti Aanaan Ajajaa Ajajichaa  Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee  ibsan.

Ajajichi loltoota giddu-gala leenjiitti leenjii gahumsa ijaarsaa kenneef eebbisiiseera.

Sirna eebbaa kanarrtti  keessuuma kabajaa ta’uun kan argaman Itti Aanaan Ajaja bahaa   Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee  akka  ibsanitti, ajajichi birmadummaa biyyaa fi  nageenya ummataa gahumsaa fi gootummaa cimaan eegsisaa jira.

Keessumaa Ajajichi ergamaa fi dirqama yeroo adda addaa itti kenname gahumsa guddaan milkaa’inaa gaarii galmeessisaa jiraachuu dubbataniiru.

Finxaaleyyiin fi ergamtootasaanii nageenya hawaasaa booressan barbadeessuun injifannoo boonsaa galmeessuusaa kaasaniiru.

Ajajni bahaa dirqamni kennameef gahumsaan, kutaanoo fi gootummaan bahuusaa caalaatti cimsee itti fufuusaa Meje Jeneraal Fiqaaduu Tsagaayee mirkaneessaniiru.

Leenjichi miseensi loltuu yeroo fi bakka kamittuu sodaa nageenyaa uumamuuf deebii isa gitu kennuu kan danda’uu fi  gahumsaa fi qophii guutuu ijaaraa jiraachuu ibsaniiru.

Miseensonni raayyaas beekumsa giddu-galichatti argataniin ergama heera mootummaa fi dhaabbataa gootummaan hidhachuunii fi amala ummatummaa guutamuun bahuu akka qaban hubachiisaniiru.

Ajajaan jiddu-gala leenjii ajaja bahaa koloneel Alii sa’iid gamasaaniin, eebbifamtoonni misensota raayyaa kooriiwwan ajajichaa adda addaa keessaa kan  bahan ta’uu dubbataniiru.

Miseensonni raayyichaa turtiisaanii giddu-galichaan beekumsa loltuu ammayyaa’aa fi ogummaa argataniin dirqama itti kennamu gahumsaan akka bahan kan deeggarudha jedhaniiru.

Sirna eebbaa kanarratti Qondaaltonni olaanoon Ajajichaa, komishineeronni poolisii Hararii fi Somaalee fi qondaaltonni biroon akkasumas keessummoonni waamichi taassifameef argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015