Tamsaasa Kallatti:

Godina Wallaga bahaatti Qonna Gannaa lafa hektaara kuma 13 olirraa midhaan gahe walitti qabamaa jira

Onkoloolessa 29/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa Godina Wallaga Bahaatti Qonna Gannaalafa hektaara kuma 13 fi 800 irraa midhaan gahe haala qindaa’een walitti qabamaa jirachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.

Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa Godina Wallaga bahaa Obbo Darajjee Nagaasaa, Qonna Gannaan Lafa Hektaara kuma 13 fi 800 ol irratti midhaan gosa adda addaa misoomeera jedhaniiru.


 

Kanaanis midhaan walitti qabaaf waan qaqqabeef haala mancaatii hir’isuun walitti qabamaa jiraachuu ibsuun, hanga ammaatti, lafa hektaara 800 olirraa walitti qabamuu dubbataniiru.


 

Qonna gannaan kan Misoomerraa callaan kuntaalli miiliyoona 28 ol akka eegamu eeraniiru.

Omisha walitti qabuurra darbee walitti hidhaminsa gabaa uumuun omishtoonni fayyadamoo akka ta’aniif omishasaanii waldaaleef akka dhiheessan taassifamaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Itti fufinsaan qamadii dabalatee hojiiwwan misooma jallisii birraa haala cimaa ta’een kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015