Tamsaasa Kallatti:

Magaalichatti uummata hirmaachiuun hojiiwwan misoomaa hojjetaman bu’aa argamsiisaniiru – kantiibaa Adaanech Abeebee

Onkoloolessa 29/2018(TOI)- Magaalaa Finfinneetti hojiiwwan misoomaa uummata hirmachisuun hojjetaman bu’aa argisiisuusaanii Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.

Leenjiin hoggantoota olaanoo paartii badhaadhinaa bara 2018 mata dureewwan humna miseensota ijaaran irratti leenjiin giduu kana kennama jiraachuun ni beekkama.

Leenjiin Miseensota hoggansa olaanaa paartichaa dameelee bu’uura diinagdee biyyaarratti, Qonnarratti, Tuurizimiirratti, industirii fi misooma magaalaarratti kan xiyyeeffatan ta’uun ibsameera.

Hoggantoonni olaanoon paartichaa misooma koriidaraa fi qarqara Lagaa Magaalichaa, misooma manaa fi hojilee dhiheessii daawwatamaa jiru.


 

Saganticharratti kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee akka jedhanitti, Magaalichatii uummata hirmaachisuun hojiiwwan misoomaa raawwataman bu’aa fidaniiru.

Kanaanis bu’aan magaalaa Finfinnee Afriikaarratti akka eeramtu ishee taassisu argameera jedhaniiru.

Misoomaa manneenii fi dhiheessiirratti damee dhuunfaa hirmaachisuun hojiiwwan hojjetaman dhiheessii guddisuu dandeessisuu ibsaniiru.


Hojiilee hojjetamaniin manneen harka qal’eeyyii hedduun ijaaramuu kan ibsan kantiibaan kun, manneen barnootaatti sagantaa nyaataan bu’aan argameera.


 

Magaalittiin daa’immanii fi dargaggoota kan giduugaleeffatte bakkeewwan shaakala Ispoortii Ijaaramanii tajaajilaaf banaa ta’aniiru kan jedhan kantiibaa Adaanech, qajeeltoo uumuu fi saffisuu hordofuun hojjetamaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015