Gaaffiin Afriikaa Kadhaa miti kan nuyi barbaannu haqa haala qilleensaa fi dhiheessii Faayinaansii haqa qabeessa–Mahaamud Alii Yusuuf - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiin Afriikaa Kadhaa miti kan nuyi barbaannu haqa haala qilleensaa fi dhiheessii Faayinaansii haqa qabeessa–Mahaamud Alii Yusuuf
Onkoloolessa 29/2018(TOI )-Afriikaan Kadhaa hin barbaaddu gaaffiin keenya haqa qabeessummaa haala qilleensaa fi dhiheessii faayinaansii haala qilleensaa jiraachuiuu qaba kan jedhudha jechuun Dura taa’aan Komishiniin Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf iGaaffiin Afriikaa Kadhaa miti kan nuyi barbaannu haqa haala qilleensaa fi dhiheessii Faayinaansii haqa qabeessa–Mahaamud Alii Yusuuf bsan.
Jijiirama haala Qilleensaaf Qooda xiqqaa kan qaban biyyoonni Afriikaa harqoota miidhaa guddaa baachuu hin qaban jedhaniiru.
Yaa’iin jijiirama haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 30ffaan (kop-30) Sadaasa 1 hanga 12 bara 2018tti Biraazil Beelemitti gaggeeffama .
Mata dureen yaa’ichaa ijoon “tarkanfii fi hojiirra oolmaan haala qilleensaa” kan jedhudha.
Yaa’ii Guddaa kana dura yaa’iin hoggantoota haala qilleensaa Beelem gaggeeffameera.
Dura taa’aan Gataa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf yaa’icharratti haasaa taassisaniin Afriikaan gara yaa’ii kop30 tti ejjennoo cimaan dhufuushee ibsuun Ardiittiin bakka buutuu jijiiramaati jechuun dubbataniiru.
Bakkeewwan madda Aannisaa aduu irraa hanga abbummaa iniveeshinii magariisaatti kan qabatte Afriikaan yeroon itti Aanu haqa qabeessa, hunda hammataa fi kaarboonii gad-lakkifamu xiqqaa akka ta’u qooda gaggeessummaashee bahaa jiraachuu ibsaniiru.
Afriikaan Aannisaa haaromfamaa Addunyaa dhibbantaa 40 qabdu taatus faayinaansiin haala qilleensaa argattu dhibbantaa 12 gadi ta’uu hubachiisaniiru.
Nuyi kan gaafanne tola ooltummaa miti kan jedhan dura ta’aan kun, nuyi kan gaafannu haqa qabeessummaa haala qilleensaa, faayinaansii haqa qabeessa, teekinooloojii fi dhaqqabamummaa carraawwanii ti jedhaniiru.
Biyyoonni jijiirama haala qilleensaa keessatti qooda xiqqaa gumaachan harqoota guddaa baachuu hin qaban jedhaniiru.
Waadaa walii galtee Addunyaa Kop-30 gara jijiiramaatti, saaxilamummaarraa gara ciminaatti cehuu akka qabu ibsuun hojiin jijiirama haala qilleensaa ittisuu yaadama michummaan, haqa qabeessummaanii fi badhaadhina waloon gaggeeffamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Yeroon Tarkaanfii Furmaata walakkaa qofa fidu fudhachuu dhumeera, amma kan barbaachisu ciminaan kan guutame fi deebii hojii waliiniiti jechuusaanii Oddeeffannoon TOI’n Gamtaa Afriikaarraa argate mul’isa.