Hooggantoonni olaanoo paartii badhaadhinaa hojiilee misoomaa magaalaa Finfinnee daawwatan - ENA Afaan Oromoo
Hooggantoonni olaanoo paartii badhaadhinaa hojiilee misoomaa magaalaa Finfinnee daawwatan
Onkoloolessa 29/2018 (TOI)-Hooggantoonni olaanoo paartii badhaadhinaa hojiilee misoomaa magaalaa Finfinneetti hojjetaman daawwatan.
Daawwannaa Kanaan, pirojektoota namarratti xiyyeeffatan magaalattiitti hojjetamaa jiran dabalatee hojiiee misoomaa biroo daawwataniiru.
Gaaffii mana jireenyaa lammiileef deebisuuf filaata garagaraa fayyadamuun hojjetamaa akka jiru wayita kana ibsameeraaf.
Hojiilee misooma manaa kunneen gaaffilee mana jireenyaa deebisuun gamatti lammiileef tajaajila hawaasummaa kennuuf akeekamanii hojjetamuunsaanii ibsameera.
Sirna gabaa yaadama badhaadhinaan sirrate diriirsuun wiirtuuwwan oomishaa fi dhiheessii hojjetamaa jiraachunis eerameera.
Kun ammoo caancala faddaalaa kutuun namoonni kallattiin qonnaan bulaarraa oomisha akka argatan gargaaruun alatti, qaala’insa jireenyaa hir’isuun qooda guddaa bahaa jira jedhameera.