Gaaffiin Abbummaa Ulaa Galaanaa walitti hidhaminsa Riijinii cimsuun fayyadamummaa waloo kan mirkaneessudha - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiin Abbummaa Ulaa Galaanaa walitti hidhaminsa Riijinii cimsuun fayyadamummaa waloo kan mirkaneessudha
Onkoloolessa 28/2018(TOI)- Gaaffiin Abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa tumsa riijinii cimsuun fayyadamummaa waloo kan mirkaneessu ta’uu waldaaleen Siivikii ibsan.
Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad yeroo darbe mana maree bakka bu’oota ummataarraa gaaffii dhihaateef deebii kennaniin dhimmi ulaa galaanaa seera qabeessa, seenaa qabeessa, haala teessuma lafaa fi dhimma Diinagdee ta’uu ibsaniiru.
Pirezidaantiin Konfedereeshinii waldaa hojjettoota Itiyoophiyaa obbo Kaasahun Foolloo TOI’f akka ibsanitti, gaaffiin Abbummaa Ulagaa Galaanaa isheerra darbee biyyoota riijinichaa fayyadamoo tassisa.
Guddina Ariifataa Itiyoophiyaan galmeessisaa jirtu itti fufinsa akka qabaatu gochuuf gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa deebii argachuu qaba jedhaniiru.
Dhimmi Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa kan ture ta’uu kaasuun, gaaffichi haqa qabeessa, Seera Idil-Addunyaa kan hordofee fi gaaffii Misoomaa Hawaasaa bu’uura godhate ta’uu ibsaniiru.
Pirezidaantiin waldaa barsiisota Itiyoophiya Dr.Yohaannis Bantii gamasaaniin, gaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa haqa qabeessa ta’uu kaasaniiru.
Gaaffiin Abbumaa ulaa galaanaa uumamma ta'uu obbo kaasahuun, nagaa fi tasgabbiin gaanfa Afriikaatti akka bu’uuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Gaaffiin abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa kennanii fudhachuun, dippilomaasii fi haala waliigalteen deebii akka argatu biyyoonni naannichaa deeggaruu qabu jedhaniiru.
Gaaffiin Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa gaaffii jiraachuu ta’uu Dr.Yohaannis Bantii ibsaniiru.
Gaaffiin Abbummaa Ulaa galaanaa waloon misoomuun jireenya hawaasaa fooyyessuu fi walitti hidhaminsa riijinii uumuu akka qabu kaasuun qaamni hundi qajeelummaan ilaaluu qaba jedhaniiru.