Tamsaasa Kallatti:

Hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo nannoo Oromiyaa bakkeewwan garagaraa daawwachaa jiru

Onkoloolessa 28/2018 (TOI)- Hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo nannoo Oromiyaa bakkeewwan garagaraa daawwachaa jiru.

Bakkeewwan daawwataman keessaa hojiin misoomaa godina Shawaa bahaa aanaa Booraatti hojjetamaa jiru isa tokkodha.

Ministirri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa Dr. eErgoogee Tasfaayee daawwannicharratti akka jedhanitti,adeemsa dinagdee heddumminaa eegaluun keenya Badhaadhina milkeessuuf karaa sirriirra jiraachuu keenya agarsiisa jechuun dubbataniiru.

Adeemsa Badhaadhinaa keessatti baadiyyaa ceesisuu fi ammayyeessuuf xiyyeeffannaan kennamuu kaasanii, qonnaan bulaan kan nyaatee bulu oomishuurra darbee adeemsa walabummaa nyaataa mirkaneessuuf taasifamu keessatti qooda guddaa qaba jedhaniiru.

Tiraanisfoorneeshinii baadiyyaa keessatti oomishuurra darbee gabaa alaaf amma dhiheessuutti kan fulla’u ta’uu hubachiisaniiru.

Baadiyyaa fi magaalaa walitti fiduuf hojiin hojjetame wanti gaariin jiraachuu kan agarsiisedha jechuun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015