Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Galmoota Misooma Fulla’aa 2030 milkeessuuf tattaaffiiwwan taasifaman akka ciman waamicha dhiheessan. - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Galmoota Misooma Fulla’aa 2030 milkeessuuf tattaaffiiwwan taasifaman akka ciman waamicha dhiheessan.
Onkoloolessa 28/2018(TOI)-Itiyoophiyaan Dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti Galmota misooma fulla’aa 2030 milkeessuuf imaamatawwan bahan cimanii akka itti fufan waamicha dhiheessite.
Jilli Ministira Barnootaa pirofeesar Biraanuu Naggaan durfamu Yaa’ii waliigalaa ( UNESCO) 43ffaa Uzbeekistaanitti gaaggeeffame irratti hirmaachuusaa Itiyoophiyaatti sekreetariin jeneraalaa biyyaalessaa Yuneskoo Alamuu Geetahuun TOI’f ibsaniiru.
Ministirichi yaa’icharratti Itiyoophiyaan Waggottan lamaan darban Barnootaan, Aadaan, Jijjiirama haala qilleensaa fi damee lubbuu qabeeyyii waliin wal qabatee hojiiwwan hojjechaa jirtu ibsuusaanii himaniiru.
Imaammattoonni galmoota misooma egeree 2030 mootummoota gamtoomanii milkeessuuf bahan cimanii akka itti fufaniif waamicha dhiheessaniiru jedhaniiru.
Yaa’ichaan cinatti Ministiroota biyyoota adda addaa waliin mariiwwan michummaa gam-lamee cimsuuf dandeessisan taassisuusaanii sakreetar jeneraaliin kun dubbataniiiru.