Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Naqamteetti dargaggoonni hojii dhabeeyyiin gurmaa’anii hojiiwwan misoomaa adda addaarratti akka hirmaatan taassifamaa jira

Onkoloolessa 28/2018(TOI)- Magaalaa Naqamteetti dargaggoonni hojii dhabeeyyiin gurmaa’anii hojiiwwan misoomaa adda addaarratti akka hirmaatan taassifamaa jiraachuu waajjirri carraa hojii uumuu fi ogummaa ibse.

Itti gaafatamaan waajjira Carraa hojii uumuu fi Ogummaa Magaalaa Naqamtee obbo Malkaamuu Mulgeetaa akka ibsanitti, dargaggoota hojii dhabeeyyii magaalichatti argaman gurmeessuun mataasaanis ta’e kan biroo akka fayyadan taassifamaa jira.

Bara baajataa qabame dargaggoota kuma 22 fi 300 gurmeessuun gara hojiitti galchuuf karoorfamee kurmaana jalqabaa dargaggoonni kuma 2 fi 600 gurmaa’anii hojii eegaluusaanii dubbataniiru.

Qaamolee qooda fudhattoota biroo waliin haala mijataa uumameen birrii miiliyoona 400 ol kennamuu eeruun, dargaggoonni gurmaa’an sheediiwwan bakka hojii fi gururtaa kennameefiitti hojii eegalaa jiraachuu kaasaniiru.

Dargaggoonni kunneen gara hojiitti kan galan misooma beelladaan, lukkuu fi killee, horsiisa kaannisaa fi kanneen biroon ta’uu dubbataniiru.

Magaalichatti bakka buutuun ganda calalaqaa Aadde Meerii Jaalataa gandichatti dargaggoonni 185 ol waldaan gurmaa’anii hojiitti galuusaanii ibsaniiru.


 

Dargaggoota gara hojiitti galaniif tajaajilli liqaa, leenjii, bakka hojii fi gurgurtaa fi deeggarsa barbaachisoo biroon ta’eeraaf jedhaniiru.

Gandichatti dargaggoota gurmaa’anii gara hojiitti galan keessaa Habilee sa’id, dargaggoota biroo waliin ta’uun hojii misooma lukkuu eegaluu dubbataniiru.

Liqaa birrii miiliyoona 1 fudhatanii cuucii guyyaa tokkoo kuma 3 fi lukkuu killee 600 galchuun hojii eegaluusaanii ibsuun, waajjirri carraa hojii uumuu fi ogummaa magaalichaa deeggarsa barbaachisaa taasisaa jirachuu ibsaniiru.


 

Hanga ammaatti killee marsaa 3 gabaaf dhiheessuun fayyadamoo ta’uu himaniiru.


 

Dabalataanis, Geetahuun Haayiluu hiriyootasaa biroo waliin gurmaa’uun misooma Sa’a Aannanii fi loon furdisarratti bobba’uusaanii ibsaniiru.


 

Liqaa birrii miiliyoona 1 tuqaa 4 kennameefiin sa’a Aannanii 20 fi horii furdisan galchuun mataasaanii jijiiruuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015