Piriimer liigiin dubartootaa Itiyoophiyaa torban 5ffaan har’a eegala - ENA Afaan Oromoo
Piriimer liigiin dubartootaa Itiyoophiyaa torban 5ffaan har’a eegala
Onkoloolessa28/2018(TOI)- Piriimer Liigii dubartoota Itiyoophiyaa torban shanaffaa oolmaa guyyaa jalqabaan taphoonni sadii Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti gaggeeffamu.
Guyyaa sa’aatii 4:00 Magaalaan Dirree Dawaa Magaalaa Hawaasaa waliin taphatu.
Magaalaan Dirreedawaa liigichatti taphoota Afur gaggeesseen yeroo tokko yoo injiftu , yeroo sadii mo’ameera.
Garichi qabxii sadiin sadarkaa 10ffaa qabateera.
Morkataansaa Magaalaan Hawaasaa taphoota 4 keessaa 3 yoo injifatu yeroo tokko mo’ameeera .
Magaalaan Hawaasaa qabxii sagaliin sadarkaa 2ffaa irratti argama.
Magaalaan Finfinnee magaalaa shaggar waliin guyyaa sa’aatii 7:00 tapha saanii gaggeessu.
Magaalaan Finfinnee qabxii 3 sadarkaa 12ffaa, Magaalaan Shaggar qabxii 6 sadarkaa 5ffaa qabateera.
Sagantaa guyyaa dhumaan Kutaan Magaalaa Lidetaa fi humni ibsaa Itiyoophiyaa guyyaa sa’aatii 9:00 waliin taphatu.
Kutaan Magaalaa Lidetaa qabxii shaniin sadarkaa 7ffaa kan qabate yoo ta’u , humni ibsaa Itiyoophiyaa qabxii 12n liigicha dursa.
Humni ibsaa Itiyoophiyaa yoo injifate dursummaa liigichaa ni jabeessa.
Piriimeer Liigii Dubartoota Itiyoophiyaa torban shanaffaan hanga Onkoloolessa 30 bara 2018 ni tura.