Aadaa fi Afaan Oromoo qorannoo fi qu’annoon deeggaruun caalaatti guddisuuf hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Aadaa fi Afaan Oromoo qorannoo fi qu’annoon deeggaruun caalaatti guddisuuf hojjetamaa jira
Onkoloolessa 27/2018(TOI)- Aadaa fi Afaan Oromoo qorannoo fi qu’annoon deeggaruun caalaatti guddisuuf hojjetamaa akka jiru ibsame.
Yunivarsiitii Ambootti jiddu galli qo’annoo fi qorannoo looreet Tsaggaayee Gabramadin waldaa qu’annoo Oromoo waliin hojjechuuf walii galtee mallatteessan.
Walii galteen kun aadaa fi afaan hawaasaa qorannoon deeggaruun caalaatti guddisuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.
Hojii raawwachiisaan olaanaa waldaa qorannoo Oromoo Dr. Tafarii Buzaayyoo wayita kana akka jedhanitti, aadaa fi afaan Oromoo qorannoo fi qu’annoon caalaatti guddisuuf xiyyeeffatamee ni hojjetama jedhaniiru.
Keessumaa Sirna Gadaa irratti hundaa’uun aadaa fi afaan ummata Oromoo beeksisuu fi guddisuuf akka hojjetamu eeraniiru.
Walii galteen har’a mallatteeffame qaama tattaaffii kanaa ta’uu dubbatanii, dhimmoota sadiirratti akka xiyyeeffate ibsaniiru.
Waliin ta’uun qorannoo fi qu’annoo gaggeessuu, yaa’ii qorannoo qopheessuu fi muuxannoo qooddachuu ta’uu dubbataniiru.
Waldichi dhimma kanarratti jiddu gala qu’annoo fi qorannoo aadaa Yuunivarsiitii Amboo looreet Tsaggaayee Gabramadiniin alatti dhaabbilee barnootaa olaanoo biroo waliin qinaa’uun hojjechuuf karoorsuusaa ibsaniiru.
Yunivarsiitii Ambootti itti aanaan pirezidaantii qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Dr. Salamoon Maashoo gamasaaniin, walii galtichi hojiiwwan qorannoo fi qu’annoo aadaa fi afaan guddisan waliin hojjechuu fi hojiirra oolchuu kan kaayyeffate ta’uu dubbataniiru.
Walii galtichi jiddu galli qorannoo fi qu’annoo aadaa looreet Tsaggaayee Gabramadin caalaa akka guddatu carraa akka uumuuf ta’uu ibsaniiru.
Daarektarri olaanaa jiddu galichaa Dr. Salamoon Leyikun, waliigalteen waldicha waliin taasifame qu’annoo fi qorannoo aadaa fi afaanii hunda galeessa taasisuuf ni deeggara jedhan.
Jiddu galichi Seenaa, Afaan, Aadaa fi Artii irratti qorannoo gaggeessaa akka jiru eeranii, walii galtichi hojiilee eegalaman si’achiisuuf ni gargaara jechuun ibsaniiru.