Tamsaasa Kallatti:

Humni qilleensaa guddaan guddummaa Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jira-Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

Onkoloolessa 27/2018 (TOI)- Humni qilleensaa guddaan guddummaa Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jira jechuun ibsan ajajaan olaanaa humna qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa.

Ajajaan olaanaa kun guyyaa hundeeffama humna qilleensaa waggaa 90ffaa ilaalchisuun jiraattota magaalaa Bishooftuu fi naannawashee waliin marii gaggeessaniiru.

Humni qilleensaa Itiyoophiyaa bara baraan birmadummaa biyyaa kabachiisuun gootummaa boonsaa raawwachuusaa ajajaan olaanaa kun wayita kana ibsaniiru.

Yeroo ammaas dhaabbata guddummaa Itiyoophiyaa madaaluu fi ummanni itti boonu ijaaramaa jira jedhaniiru.

Ayyaanni hundeeffamaa waggaa 90ffaa mata duree “humni qilleensaa Itiyoophiyaa mallattoo bilisummaa fi tokkummaa” jedhuun qophiilee garagaraan kabajamaa akka jiru beeksisaniiru.

Guyyaan hundeeffamaa kun eksipoo aviyeeshinii, agarsiisa qilleensarraa fi qophiilee birootiin akka kabajamu ibsameera.

Guyyaan hundeeffamaa kun guddina biyyaa, dhaabbataa akkasumas magaalaa Bishooftuu fi maqaa gaarii beeksisuuf qooda olaanaa akka qabu ibsanii, jiraattonni magaalattii miidhagsuu fi nageenyashee eegsisuuf hirmaannaasaanii akka cimsan gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015