Hirmannaan dureeyyiin Chaayinaa zooniiwwan dinagdee addaa fi paarkiiwwan industirii keessatti qaban guddachaa dhufeera - ENA Afaan Oromoo
Hirmannaan dureeyyiin Chaayinaa zooniiwwan dinagdee addaa fi paarkiiwwan industirii keessatti qaban guddachaa dhufeera
Onkoloolessa 27/2018 (TOI)-Hirmannaan Invastimantii dureeyyiin Chaayinaa zooniiwwan dinagdee addaa fi paarkiiwwan industirii keessatti qaban guddachaa akka jiru korporeeshiniin misooma paarkiiwwan industirii beeksise.
Hojii raawwachiisaan olaanaa Korporeeshinichaa Dr. Fissahaa Yittaagasuu dureeyyii Chaayinaa damee Aluminiyeemii irratti bobba’uu barbaadan waliin mari’ataniiru.
Dureeyyiin kunneen misooma Aluminiyeemii qabeeya guddaa gaafatu irratti bobba’uuf kan karoorsan yoo ta’u korporeeshinichi deeggarsa barbaachisaa akka taassisu hubachiisaniiru.
Marichi Hojii raawwachiisaa olaanaan korporeeshinichaa Dr.Fissahaa Yittaaggasuu dabalatee jilli Qondaaltota hojii olaanoo Mootuummaa dureeyyii kana waliin torban darbe marii chaayinaatti gaggeessan irraa kan itti fufee ta’uu ibsaniiru.
Hoogganaan qajeelcha Korporeet Komunikeeshinii korporeeshinii misooma paarkiiwwan Industirii obbo Phaawuloos Ballaxaa dureeyyiin biyya keessaa fi biyya alaa 200 caalan zooniiwwan dinagdee addaa Korporeeshinichi bulchu 13 fi ‘ICT’ paarkii dabalatee paarkiiwwan Industirii sadii keessatti galanii hojjechaa akka jiran TOI’f ibsaniiru.
Dureeyyii Alaa dhibbantaa 38 qabatan keessaa hedduunsaaanii Chaayinoota ta’uu eeruun, irra caalaan uffataa fi huccuu irratti bobba’uusaanii hubachiisaniiru.
Dureeyyiin chaayinaa filannoowwan haarawaa ilaaluun yeroo ammaa Maandisummaa(injiinaringii) irratti bobba’uu eegaluusaanii eeraniiru.
Dureeyyiin kunneen hirmaannaa invastimantii qabaniin olitti dameelee adda addaarratti bobba’uuf fedhii argisiisaa jiru jedhaniiru.
Sirilaankaa, Jaappaan, Ameerikaa, Faransaayii fi rippuubiliikii Kooriyaan dureeyyii zoonii Diinagdee fi paarkiiwwan irratti bobba’an keessatti akka argaman eeraniiru.
Walii gala Korporeeshinichi Invastimantii Alaa humna biyyaa deeggaran hawachuuf hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.