Tamsaasa Kallatti:

Hospitaalli Rifaraala Goobbaa Qorannoo dursaa kaansarii harmaa bilisaan kennaa jira

Finfinnee,onkololeessa 27/2018(TOI) Hospitaalli Rifaraala Goobbaa qorannoo dursaa kaansarii harmaa bilisaan kennaa jiraachuu beeksise.

Tajaajilamtoonni gama isaaniitiin qorannoofi gorsi ogeessota fayyaa Hospitaalichaatiin isaaniif kenname yaaddoo dhibee irraa bilisa akka taanu nutaasisee jira jechuun galateeffatan.

Hojigeeggessaan Hospitaala Rifaraalaa Goobbaa hirmaataa Pirofeesaraa Muhammadamaan Maammaa akka jedhanitti, Hospitaalichi tajaajila yaala dhibee kaansarii idileen kennaa jiraachuu yaadachiisan.


 

Tajaajila yaala hospitaalichaa daran dhaqabamaa taasisuufi hubannoo hawaasni dhibee kanarratti qabu gabbisuuf idoo gabayaafii dhaabbilee fayyaa hawaasni baay’inaan argamutti hojii hubannoo kennaa jiraachuu dubbatan.

Keessattuu,dubartoota umriin isaanii 20 ol ta’an qorannoo dursaa kaansarii harmaa taasisuun mallattoolee adda baafachuun qorannoofi yaala dabalataatiif gara Hoospitaalichaatti kan ergaman ta’uus akeekan.


 

Qorannoo yeroo ammaa geeggeffamaa jiru kanaanis dubartoonni mallatooleen dhibichaa irratti mul’achuun shakkaman qorannoo dabalataatiif gara Hospitaalaatti ergamuus dhugooman.

Hospitaalichi yaala dhibee kaansarii dabalatee tajaajila city-scan,indoskooppiifii paatooloojii hawaasaaf kennaa jiraachuus eeran.

Hawaasni Godina Baaleefii baroottan dabran keessa tajaajila yaalaa fooyyee kanneen argachuuf dadhabbii gara jiddugaleessa biyyaatti taasisaa ture kan hir’iseef ta’uu kan dubbatan ammoo Hospitaalichatti ispeeshaalistii dhibee yaala kaansarii Doktor Addisuu Gullilaati.

Hawaasni dhibee Kanaan qabamee haalota walxaxaa keessa osoo hin galle yeroon gara dhaabbilee fayyaa dhufuun qorannoo taasisuu aadaa akka godhatus dhaaman.


 

Tajaajiloonni kunneen namoonni dhibeen osoo hin miidhamne akka yaalamaniif kan tumsu waan ta’eef hunduu carraa kanatti akka fayyadamus Dr. Addisuun gaafataniiru.

Hospitaalli Rifaraala Goobbaa hawaasa Godina Baalee fi naannawa isaa gara miliyoona afuritti tilmaamamuuf tajaajila yaalaa kennaa jiraachuu ragaan Hospitaalicharraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015