Tamsaasa Kallatti:

Misoomni humna namaa fi tumsi teeknooloojii Chaayinaa fi Afriikaa Jidduutti cimaa dhufeera

Onkoloolessa 27/2018(TOI)- Misoomni humna namaa fi tumsi teeknooloojii Chaayinaa fi Afriikaa Jidduutti cimaa dhufuunsaa komishinii gamtaa Afriikaatti oofiisarri imaammata dippaartimantii qonnaa, misooma baadiyyaa dinagdee biluu fi misooma fulla’aa Biiyatiriis Iiguluu ibsan.

Waltajjiin woorkishooppii tumsa tarsiimawaa Chaayinaa Afriikaa Palsi oof Afriikaa (POA), ergama gamtaa Chaayinaa Afriikaa fi jiddu gala marii, qorannoo fi tumsaan qophaa’e Finfinneetti taa’ameera.

komishinii gamtaa Afriikaatti oofiisarri imaammata dippaartimantii qonnaa, misooma baadiyyaa dinagdee biluu fi misooma fulla’aa Biiyatiriis Iiguluu akka jedhanitti, Chaayinaan Invastimantii Afriikaa keessaa qabdu lammiilee Afriikaa hedduuf carraa hojii uumeera.

Carraa hojii uumuurra darbee ogeeyyonni Chaayinaa Afriikaanotaaf beekumsaa fi carraa cehumsa teeknooloojii  uumaa jiraachuu eeraniiru.

Sagantaa leenjii hammattoo tumsa qonnaa Chaayinaa Afriikaatiin ogeeyyiin Afriikaa kuma 10 mekaanaayizeeshinii qonnaa, misooa jallisii, qonna galtee itti dabaluu irratti hojjetan bulchiinsa paarkii Industirii irratti leenjiin kennamuu wabeeffataniiru.

Damee dinagdee biluutiinis misooma qabeenya Qurxummii, bu’ura misoomaa qarqara lageenii fi misooma qabeenya bishaanii irratti tumsi Chaayinaa fi Afriikaa olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Anniisaa fi misooma Industirii irrattis tumsi Chaayinaa fi Afriikaa bal’aa ta’uu eeraniiru.

Akka ibsa Biiyatirisitti, dameeleen tumsaa kunneen tumsi misooma humna namaa fi teekinooloojii Chaayinaa fi Afriikaa jidduutti akka cimu gochaa jiru.

Yuuneeskootti daarektarri dhaabbata gabbisa dandeettii idil addunyaa Afriikaaf Kiwenten Wodon gamasaaniin, Industiriiwwan Afriikaa keessa jiran rakkoon hanqina dhiheessii humna nama leenji’ee akka mudatu dubbataniiru.

Keessumaa biyyoota Afriikaa Sahaaraan gadiitti baay’inni dhaabbilee teekiniikaa fi ogummaa xiqqaa ta’uu dubbataniiru.

Yunivarsiitii Chaayinaa Beejiingiguwaa Noormaalitti diiniin kutaa barumsaa ejukeeshinaal teeknooloojii piroofeesar Maa Niingi gamasaaniin, damee barumsaa fi leenjii Chaayinaatti Hubannoon nam-tolchee bal’inaan hojiirra ooluu ibsaniiru.

Kun ammoo qulqullina barumsaarratti gumaacha guddaa bahaa jira jedhaniiru.

Hubannoon nam-tolchee qorannoo, qu’annoo fi kalaqaaf galtee ta’uun gargaaraa akka jiru eeranii, bu’aan qabatamaan argamaa jiras jedhaniiru.

Chaayinaa fi Afriikaan hariiroo damee barumsaa fi leenjiin qaban caalaa cimaa akka deemu amantaa qaban ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015