Tamsaasa Kallatti:

Chaayinaan tumsa misoomaa Afrikaa waliin qabdu damee Industiriitiinis cimsitee itti ni fufti

Onkoloolessa 27/2018(TOI)- Chaayinaan tumsa misoomaa qajeelfamarratti hundaa’e kan Afrikaa waliin qabdu damee Industiriitiinis cimsitee akka itti fuftu mirkaneessiteetti.

Waltajjiin mata duree “Chaayinaan Industirii Afriikaa, misooma magariisaa fi fulla’aaf deeggarsa ni gooti” jedhuun Chaayinaatti ergamni gamtaa Afriikaa fi jiddu galli marii qorannoo fi tumsaa Miidiyaa Palsi oof Afriikaa (POA) waliin ta’uun qophaa’e gaggeeffamaa jira.

Hooggantoonni Chaayinaa, dameeleen komishinii gamtaa Afriikaa garagaraa, komishinaroonnii fi keessummoonni waamaman marii kanarratti argamaniiru.

Chaayinaatti hoogganaan ergamni gamtaa Afriikaa fi Dh. M. G’tti bakka bu’aan komishinii dinagdee Afriikaa ambaasaaddar Jiiyang Fengi wayita kana akka dubbatanitti, Industiriin Afriikaa  Misooma Magariisaa, qindaa’aa fi fulla’aa kan jajjabeessu waan ta’eef Chaayinaan deeggarsashee ni cimsiti.

Industiriin babal’achuunsaa misoomaa fi guddina fulla’aa Afriikaaf murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Ajandaan Afriikaa 2063 akka dhugoomu Industirii babal’isuun murteessaa ta’uu eeranii, Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni Afriikaa karoora misoomaa isaanii dhimma Industiriif xiyyeeffannoo kennuusaanii jajaniiru.

Tumsi fayyadama waloorratti hundaa’e Chaayinaan Itiyoophiyaa waliin qabdu gama industiriitiinis cimsitee akka itti fuftu mirkaneessaniiru.

Chaayinaan biyyoota Afriikaa bu’ura misoomaa daandiin walitti fiduun guddina Industiriif qooda guddaa bahaa jiraachuus kaasaniiru.

Dureeyyiin Chaayinaa biyyoota Afriikaa garagaraa keessatti Industirii babal’isuun, bu’ura misoomaa diriirsuu fi dameelee biroon tumsa misoomaaf taasiftu akka agarsiisu kaasaniiru.

Komishinii gamtaa Afriikaatti komishinarri bu’ura misoomaa fi Inarjii Leeraatoo Dorotii gamasaaniin, Afriikaan qabeenya dilbii qabdutti fayyadamuun misoomashee mirkaneessuuf hojjechaa jirti jedhaniiru.

Misoomni Afriikaa kan guddatu Industirii babal’isuun, humna namaa sirnaan fayyadamuun ta’uu dubbataniiru.

Chaayinaan dijitaalaayizeeshinii fi Industirii Afriikaa babal’isuuf akkasumas humna namaa leenjisuun  tattaaffii gochaa jirtu jajaniiru.

Gamtaan Afriikaa dinagdee dijitaalaa fi misooma industirii babal’isuun Chaayinaa waliin ajandaan 2063 akka dhugoomu waloomaan ni hojjeta jedhaniiru.

Gorsaan Ministira Innoveeshinii fi teeknooloojii Dr. Simeenewu Qasqis, Itiyoophiyaan misooma Industirii ajandaa misoomaa ijoo gootee hojjechaa jirti jedhaniiru.

Dureeyyiin Afriikaa hedduun Itiyoophiyaa keessatti damee Industirii irratti Invasti gochaa akka jiran eeranii, Kun ammoo fedhii waliin misoomuu agarsiisa jedhaniiru.

Misooma fulla’aa fi amansiisaa mirkaneessuuf industiriin qooda murteessaa akka qabu eeranii, Itiyoophiyaan misooma hunda galeessa mirkaneessuuf biyyoota waliin ni hojjetti jedhaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015