Maanchister siitiin Booruusiyaa dormundiin injifate - ENA Afaan Oromoo
Maanchister siitiin Booruusiyaa dormundiin injifate
Onkoloolessa27/2018(TOI)- Tapha Shaampiyonsi Liigii Awurooppaatti eegamu Maanchister siitiin Booruusiyaa dormundiin 4 fi 1 injifatera.
Tapha Kaleessa galgala Istaadiyeemii Itihaaditti gaggeeffmeen Feelfoden goolii lama yoo lakkoofsisu,Arling Halandii fi Raayaan cherkii goolii hafan galchaniiru.
Halandi bara kana dorgomii lamaan gooliwwan lakkoofsise gara 18 guddiseera.
Injifanicha hordofee Maanchister siitiin qabxii 10 sadarkaasaa gara 4ffaatti ol buteera.
Booruusiyaa dormundi qabxii torbaan sadarkaa 14 ffaa qabateera.
Taphoota biroon Baarselonaan kilabii Biruuzyi waliin qabxii 3 qixaan adda walirraa bahaniiru.
Feeraan toores , lamiin yamaali fi kilabii biruuzyi kiristos zoolis ofirratti goolii Baarselonaaf lakkoofsiseera.
Niwuukaastil yuunaayitid daanbarnittii fi joliinten goolii Atileetikoo biil baa’on 2 fi 0 injifateera.
Tapha Istaadiyeemii Saansiirootti gaggeeffameen Inter miilaan kaayiraat Almaatii 2 fi 1 injifateera.
Galatasaray Ayaksiin 3 fi 0, baayer Leverkusen benefiikaan fi Atilaantaa marseyiin haaluma wal fakkaatuun 1 fi 0n injifateera.