Tamsaasa Kallatti:

Eksipoon Albuudaa fi Teekinooloojii Idil-Addunyaa 4ffaan baatii Sadaasaa Magaala Finfinneetti gaggeeffama

Onkoloolessa 27/2018(TOI)- Eksipoon Albuudaa fi Teekinooloojii Idil-Addunyaa 4ffaan (maayinteksi Itiyoophiyaa) Sadaasaa 4 hanga7 bara 2018tti gidduu gala Conveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti akka gaggeeffamu Ministirri Albuudaa beeksise.

Eksipoo kanarratti Omishtoonni Albuudaa, ergitoonnii Albuudaa fi fayyadamtoonni, omishtoonni fi Dhiheessitoonni Teekinooloojii, duureyyii Idil- Addunyaa dameelee Albuudaa, dhaabbiileen faayinaansii, kaampaanota Albuudaa, dhaabbileen Mootummaa fi qooda fudhattoonni biroonni hirmaatu.

Carraa damee Albuudaa Itiyoophiyaa beeksisuu fi Invastimantii hawachuu kan kaayyeffate Eksipichi, mariin paanaalii muuxannoowwan damichaa fi Filannoowwan Invastimantii itti dhihaatan akka gaggeeffaman Ministeerri Albuudaa ibsa TOI’f ergeen beeksiseera.

Waggaa Waggaan kan gaggeeffamu Eksipoon Idil-Addunyaa kun yeroo yerootti lakkoofsi hirmaattotaa guddachaa dhufuu ibsuun, omishtoonni teekinooloojii Albuudaa, omishtootaa fi ergitoota Albuudaa waliin omisha fi tajaajilasaanii akka beeksissaniif carraa uumuusaa hubachiisaniiru.

Invastimantii Alaa hawachuun qooda olaanaa bahaa jiraachuu kaasaniiru.

Eksipichi raawwii daldala Al-ergee guddachaa dhufe caalaatti guddisuu kan dandeessisedha jedha ibsi ministeerichaa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015