Godina Harargee Lixaatti misooma barbaree ganna gaggeeffameen oomishni kuntaala kuma 720 caalu ni eegama - ENA Afaan Oromoo
Godina Harargee Lixaatti misooma barbaree ganna gaggeeffameen oomishni kuntaala kuma 720 caalu ni eegama
Onkoloolessa 26/2018 (TOI)- Godina Harargee Lixaatti misooma barbaree ganna gaggeeffameen oomishni kuntaala kuma 720 caalu akka eegamu waajjirri qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa beeksise.
Waajjirichatti dursaan garee misooma Bunaa, Shaayee fi mi’eessituu obbo Olumaa Badhaanee akka jedhanitti, godinichatti hojii gannaatiin aanaalee 15 keessatti lafa heektaara kuma 34 irratti Barbareen misoomeera.
Aanaalee misoomni kun baay’inaan keessatti hojjetamu Hawwii Guddinaa, Ciroo, Daaroo Labuu, Gammachiis, Habroo, Odaa Bultum fi Bookeettii oomishni walitti qabamaa akka jiru ibsaniiru.
Oomishni barana ni argama jedhamee abdatamu kan bar-dheengaddaa kuntaala kuma 10 akka caalu dubbataniiru.
Inisheetiivii Barbaree godinichaa milkeessuuf qonnaan bulaan kilaastaraan miseemsuun waliin akka hirmaatuhojjetamuusaa dubbataniiru.
Qonnaan bultoonni eegumsaa fi kunuunsa oomishaa irratti akka xiyyeeffatan deeggarsii fi hordoffiin taasifameen oomishni heektaara irraa argamu kuntaala 16 irraa kuntaala 20tti ni guddata jedhamee akka eegamu dubbataniiru.
Misooma Barbaree godina Harargee Lixaa aanaalee 15 keessatti gaggeeffamaa jiruun qonnaan bultoonni kuma 55 caalan hirmaachaa akka jiran himameera.