Mariin hariiroo Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa gara tumsa tarsiimawaa olaanaatti ceesisuuf kaayyeffate gaggeeffame - ENA Afaan Oromoo
Mariin hariiroo Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa gara tumsa tarsiimawaa olaanaatti ceesisuuf kaayyeffate gaggeeffame
Onkololessa 26/2018 (TOI)- Mariin hariiroo Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa gara tumsa tarsiimawaa olaanaatti ceesisuuf kaayyeffate gaggeeffameera.
Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos fi ministirri faayinaansii Ahimad Shidee itti aanaa hoogganaa waajjira hojii raawwachiisaa pirezidaantii Ruusiyaa Maksiim Oreshkiin fi ministira misooma dinagdee Ruusiyaa Maksiim Reshetniikoov waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin, dhimmoota tarsiimawaa fi dinagdee irratti mari’achuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa ibseera.
Akkasumas misooma fulla’aa, nageenya riijinii, misooma waloorratti mari’achuunsaanii ibsameera.
Ministirri Dr. Geediyoon Ximootiwoos wayita kana, deeggarsa fulla’aa Ruusiyaan dameelee tumsaa garagaraa irratti gooteef galateeffataniiru.
Fuulduras qonna, Maanuufaakchariingii, ayisiitii, misooma albuuda, sibiila, Niwuukilaaraa fi dameelee birooon tumsaan hojjechuuf kan dandeesisu haalli invastimantii mijataan akka jiru hubachiisaniiru.