Hidhi Haaromsaa dhiheessii humna ibsaa mirkaneessuun fooyya’insa dijiitraalayizeeshiniif bu’aa guddaa gumaacha - ENA Afaan Oromoo
Hidhi Haaromsaa dhiheessii humna ibsaa mirkaneessuun fooyya’insa dijiitraalayizeeshiniif bu’aa guddaa gumaacha
Onkoloolessa 26/2018(TOI)- Hidhi Haromasa Itiyoophiyaa Guddichi dhiheessii humna Annisaa mirkaneessuun qulqullina kenna tajaajila Dijiitaalaa fooyyessuuf qooda olaanaa akka qabu iibsameera.
Hidhi Haromasa Itiyoophiyaa Guddichi guddina hunda galeessaa fi Dinagdee gooroo fi hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneessuuf qooda qabaachuu ibsaniiru.
Itiyooteeleekoomitti Ofiisarri manii Biizinasii Buruuk Adaanaa TOI’f akka ibsaniitti, Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi injifannoo Adawaa booda pirojektii fakkeenyuummaa birmadummaa Afrikaa keenyaa kan itti dabaledha.
Hidhi Haaromsaa dhiheessii Annisa Amansiisaa mirkaneessuun saffisa Dijiitaalayizeeshiniif faayidaa qabu dabalatee guddina Dinagdee Gooroof qooda olaanaa qaba jedhaniiru.
Hidhichi dhaqqabamummaa Annisa biyya keessa guddisuun babal’ina bu’uuraalee misoomaa fi guddina hunda galeessa hawasaaf qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Dhiheessi Aannisaa fulla’aa qulqullina neetwoorkii mirkaneessuu fi hirmaachisummaa faayinaansii dhaqqabamaa taassisuuf qooda qabaachuu hubachiisaniiru.
Tajaajila Istaatstiiksii Itiyoophiyaatti hojii raawwachiisaan koomunikeeshinii fi Quunnamtii uummataa Saafii Gammadii gamasaaniin, Hidhi Haaromsa guddichi Itiyoophiyaanonni waloon kan raawwanne Adawaa 2ffaa dha jedhaniiru.
Tajaajilichi biyyichatti odeeffannoo amanamaa fi wayitaawaa kan dhiheessu ta’uu eeruun, waajjiraalee dhaabbatichaa 26tti sarvisii mataasaanii kan qabanii fi dhiheessii annisaa guddaa kan barbaadan ta’uusaanii dubbatanmiiru.
Hidhichi dhiheessii Aannisaa fulla’aa kan mirkaneessu ta’uusaatiin tajaajilichi teekinooloojii saffisaa Fayyadamuun Sirna Istaatistiiksii Ammayyaa’aa ijaaruuf tattaaffii eegaleef qooda qabaachuu ibsaniiru.
Tajaajilichi Aannisaa Hidhichi Maddisiisu Teekinooloojii Dijiitalaaf fayyadamuun qulqullina odeeffannoo walitti qabatu eeguu fi odeeffannoo walitti qabuu saffisiisuu akka dandeessisu hubachiisaniiru.