Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti baatii sadan darban dhaabbilee daldalaa seraan ala daldalan kuma 49 caalanirratti tarkaanfiin fudhatameera-Biiroo daldalaa naannoo Oromiyaa

Onkoloolessa 26/2018(TOI)-Naannichatti baatii sadan darban dhaabbilee daldalaa seraan ala daldalan kuma 49 caalanirratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa fudhatamuusaa Biiroon daldalaa naannoo Oromiyaa beeksise.

Itti aanaan hoogganaa biiroo daldalaa naannichaa Tasfaayee Gashoo TOI’tti akka himanitti, naannichatti daldala seeraan alaa ittisuun sirna daldalaa seera qabeessa dagaagsuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jira.

Bara sadan darban bara bajatichaatti humni waloo poolisii,abbaa alangaa, biirolee galiiwwanii fi geejjibaa irraa walitti baba’e hundaa’ee godinichaa fi magaalotattito’annoo gochaa akka jiru dubbataniiru.

Keessumaa hubannoo uumameen hawaasni yakka daldala seeraan alaan irratti raawwatamu beeksisuu fi eeruu kennuun qooda olaanaa akka bahate dubbataniiru.

Naannichatti dhaabbilee daldalaa hojiilee seeraan alaa kanneen akka eyyama daldalaa malee daldaluu, oomisha waan hin malle itti makuun gurguruu, gatii maxxansuu dhabuu raawwatan irratti tarkaanfiin fudhatameera jedhaniiru.

Dhaabbilee daldalaa madaallii waliin dhahan, naga’ee kan hinkunne, oomishaa fi shaqaxa seeraan ala kan kuusanii fi dhoksan irratti dinniinni,saamsuu fi tarkaanfiiwwan bulchiinsaa biroon fudhatamaniiru jedhan.

Keessumaa namoonni daldala boba’aa seeraan alaa irratti bobba’an 30 seeraan kan gaafataman yemmuu ta’u kanneen keessaa namoonni shan hidhaa waggaa 4’n adabamuusaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015