Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilli tola ooltummaa dargaggootaa walooma caalaatti cimsuun bu’aa abdachiisaa fideera – Ministeera Nageenyaa

Onkoloolessa 26/2018(TOI)- Tajaajilli tola ooltummaa dargaggootaa daangaa ce’u walooma caalaatti dagaagsuun bu’aa abdachiisaa fiduusaa Ministeerri Nageenyaa ibse.

Sirni eebbaa leenjii tola ooltummaan waloomaafii dargaggoota marsaa14ffaa ministeerichi Yunivarsiitii Jimmaan wal ta’uun qopheesse har’a magaalaa Jimmaatti gaggeeffameera.

Saganticharratti Ministeera Nageenyaatti Hojii Raawwachiisaa olaanaan hoggansa hojii  Mabiraatuu Kaasaa akka dubbatanitti, leenjiin  tola ooltummaan waloomaaf jedhu dargaggoota naamusa gaariin ijaaruun jaalala biyyaan akka guutaman haala mijataa uumeera.

Hanga ammaatti dargaggonni kuma 60 ol leenji’anii biyyittii Naannoowwan adda addaatti  bobbaa’uun hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa raawwatan walooma caalaatti cimsuun  bu’aa jajjabeessaa fiduusaa ibsaniiru.

Dargaggoonni kun naannoo ramadamanitti Ambaasaaddara nageenyaa ta’uunii fi hojii tola ooltummaarratti bobba’anirratti dhiibbaa uumuu danda’uusaanii kaasaniiru.

Dargaggoonni kun Afaanota adda addaa fi duudhaalee aadaan wal baruun hedduummina dagaagsuun walii galtee biyyoolessaaf qooda olaanaa bahaa jiraachuu ibsaniiru.

Marsaa Kanaan gidduu gala leenjii shanitti kan hirmaatan dargaggoonni kuma 5 ol gara naannoolee biyyittii adda addaatti bobba’uun hojii tola ooltummaa akka kennan  beeksisaniiru.

 Yunvarsiitii Jimmaatti Itti Aanaan pirezidaantii dhimmoota Akkaadaamiikii Dr. Taaddasaa Habtamuu  gamasaaniin, Yunvarsiitiin Jimmaa hojiiwwan tola ooltummaarratti hirmaachuun qoodasaa bahaa jira jedhjaniiru.

Ministira nageenyaa waliin qindaa’uun leenjii dargaggoonni fudhataniif turtii gaarii akka dabarsaniif deeggarsa barbaachisaa taassisuusaa dubbataniiru.

Naannoolee biyyattii adda addaarraa dhufuun dargaggootni lenjii fudhatan  turtiisaaniin  beekumsaa fi dandeettii bu’uura jireenyasaaniif ta’u akka argatan taassifamuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015