Izziin Bahaa dirqama kennameef hunda gootummaan, ga’umsa olaanaa waardiyyaa daangaa biyyasaa fi birmadummaashee ta’uun kutannoon dhaabateera - ENA Afaan Oromoo
Izziin Bahaa dirqama kennameef hunda gootummaan, ga’umsa olaanaa waardiyyaa daangaa biyyasaa fi birmadummaashee ta’uun kutannoon dhaabateera
Onkoloolessa 26/2018(TOI)- Raayyaa ittisa biyyaatti Izziin Bahaa dirqama kennameef hunda gootummaan, ga’umsa olaanaa waardiyyaa daangaa biyyasaa fi birmadummaashee ta’uun kutannoon dhaabachuunsaa ibsameera.
Raayyaa ittisaatti Izziin bahaa, baha Itiyoophiyaa bakkeewwan garagaraatti bobba’uun ergama kennameef ga’umsa olaanaan bahachaa jira.
Keessumaa shororkeessaan Alshabaab kan Somaaliyaa keessa socho’u miliqee galee misooma Itiyoophiyaatti gufuu nageenyaa akka hin taane Izzichi gaachana amansiisaa ta’ee halkanii fi guyyaa dirqamasaa bahaa akka jiru ni beekama.
Raayyaa ittisa biyyaatti itti aanaan ajajaa koorii 305ffaa Izzii Bahaa Le’oppireeshinaal koloneel Maarisheet Felegee, Izzichi dirqama itti bobba’e hundatti gootummaan ga’umsa olaanaa fi kutannoodhaan daangaa biyyaa fi birmadummaasheef waardiyyaa ta’ee hojjechaa jira jedhaniiru.
Miseensonni Koorichaa humnoota farra nageenyaa qaxanicha keessa socho’an hordofee yaaddoon tokkollee naannawicha keessa akka hin jiraanne hojjechaa akka jiran mirkaneessaniiru.
Pirojektoonni misoomaa gurguddoon Baha Itiyoophiyaatti tajaajila eegalanii fi ijaarsarra jiran gufuun tokkollee akka isaan hin mudanne kooriin kun eegumsa amansiisaa gochaa akka jiru ibsaniiru.
Izzichatti ajajaan kutaa waraanaa 28ffaa reejimantii 2ffaa shaamballii 1ffaa ajajaan dhibbaa Geetaasawu Gaashaawu gamasaaniin, Izzichi keessumaa shororkeessaan Al shabaab Somaalee keessa Socho’u, diinonni biyya alaa biroon nagaa fi misooma Itiyoophiyaaf yaaddoo akka hin taane ga’umsa olaanaan dirqamaa fi itti gaafatama kennameef bahachaa akka jiru kaasanii, cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Izzichatti qondaalli duulaa kutaa waraanaa 27ffaa ajajaan dhibbaa Geetaamasaayi Daawiit, Izzichi kabajamuu daangaa fi birmadummaa biyyasaaf gootummaa, ga’umsa olaanaa fi kutannoon hojjechaa akka jiru dubbataniiru.
Ajajaan Epiisii ajajaa dhibbaa Dajanee Abbabaa gamasaaniin Izzichi Baha Itiyoophiyaa fi naannawoota daangaatti gaachana amansiisaa ta’ee hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Itiyoophiyaa tuquu kan barbaadu yoo jiraate raayyaan amansiisaa fi cimaa tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhachuu danda’u, bakkaa fi haala qilleensaa kamiyyuu keessatti dirqama kennameef ga’umsa olaanaa bahatu ijaarameera jechuun mirkaneessaniiru.