Sooranni godina Gujii mana barnootaatti hojeeffamaa jiru baay’ina barattoota barnoota addaan kutanii hir’isuuf gargaaraa jira - ENA Afaan Oromoo
Sooranni godina Gujii mana barnootaatti hojeeffamaa jiru baay’ina barattoota barnoota addaan kutanii hir’isuuf gargaaraa jira
Onkoloolessa 26/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa godina Gujiitti sooranni mana baakka jiru waajjirri barnootaa godinichaa ibse.
Hoogganaan Waajjirichaa Saatanaa Roobee, bara barnootaa kana barattoonni kuma 439 ol galmaa’anii barnoonni kennamaa akka jiru ibsaniiru.
Godinichatti tattaaffii qaqqabamaa fi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf taasifamuun cinaatti baay’ina barattoota addaan kutanii hir’isuuf gargaarsa guddaa gochaa jira jedhaniiru.
Godinichatti Barattoonni kuma 75 sagantaa kanatti fayyadamaa jiraachuu dubbataniiru.
Sagantaa kana itti fufsiisuuf tola ooltotaan alatti qooda fudhattootarraa qabeenya walitti qabuun itti fufuu ibsaniiru.
Hoogganaan waajjira Buusaa Gonofaa godinichaa Abbaayinee Sharqichaa sagantaa kana godinichatti cimsuuf tola ooltotarraa birriin callaa mil. 4 tuqaa 2 ol argamuu ibsaniiru.
Shukkaaraa fi zayita nyaataa dabalatee midhaan nyaataa kuntaala kuma 3 fi 250 ol tola ooltotarraa walitti qabamuu dubbataniiru.
Saganticha fullaasuuf deeggarsi ummataa, tola ooltota fi dureeyyii cimee itti fufa jedhaniiru.
Manneen barnootaa godinichaa sagantichi itti hojeeffamaa jiru keessaa manni barumsaa sadarkaa tokkoffaa Oddoo Qarsaa isa tokko yoo ta’u, sagantichi hojiirra ooluunsaa barnoota bu’a qabeessa gochuun alatti barattoonni barumsa addaan kutan hir’achaa dhufeera kan jedhan dursaa mana barumsichaa Dirribaa Hundeessaati.
Sagantaan soorataa kun dhiibbaa maatii hir’isaa fi fedhiin daa’imman barattootaa dabalaa dhufuu eeraniiru.