Tamsaasa Kallatti:

Shaampiyonsi Liigichatti  Maanchister siitiin  Booruusiyaa dormundi waliin  taphni taassisan  ni eegama

 Onkoloolessa26/2018(TOI)-  Shaampiyooonsi Liigii  Awurooppaatti  har’a taphoonni  sagal gaggeeffamu  .   

Maanchisteer siitiin boorusiyaa doormundi waliin galgala sa’aatii 5:00 Istaadiyeemii Itihaaditti  taphasaanii ni  gaggeessuu.  

Boorusiyaa doormundi  fi Maanchisteer siitiin qabxii wal-fakkaataa torbaan   galchii gooliin wal caaluun  sadarkaa 8ffaa fi  9ffaa  qabataniiru.

Kilaboonni kun shaampiyoonsi liigiichatti   yeroo walitti dhufan  kan ammaa yeroo  7ffaadha.

Taphoota ja’a ammaan dura taassisaniin Maanchisteer siitiin yeroo sadii yoo Injifatu, dormundi  yeroo tokko mo’eera.  yeroo lama immoo qixaan adda ba’aniiru.

Taphoota sanaan Maanchisteer siitiin golii torba yoo lakkoosisu, doormundi  goolii shan galcheera.

Dormuundi  siitii kan injifate  A.LA dorgommii bara 2012/13  yoo ta’u , ramaddiin walittidhufanii  1 fi 0 mo’achuu danda’eera.

Kilaboonni lameen  wal morkii dhumaa kan walitti dhufan  A.L.A bara 2022/23 dha.

Tapha yeroosana gaggeessaniin  galchii malee qixaan adda bahaniiru.

Gareen kun  waggoota  dorgomii darban hanqina  gahumsa qaban  qorachuun  bara kana sochii gaarii taassisaa jira.

Tapha guyyaa  har’aan wal morkii  cimaa ni taassisu  jedhamee eegama.

 Taphicha poolaandaawwicha Simoon  nama waggaa 44 olaantummaan ni gageessa.

Sagantaawwan biroon   kilabiin  Biruuzyi  Barseloonaa waliin, Benefiikaan  Baayer Leverkusen waliin, Intermiilaan kaayiraat Almaatii waliin, Marseey Atilaantaa waliin , Niwuukaastil yuunaayitid  Atileekoo  biilbaa’oo  fi  Ayaakis  Galatasaraay  waliin  galgala sa’aatii 5:00  wal-fakkaataatti taphasaanii ni gaggeessu.  

  Galgala sa’aatii 2 :45 tti kaarabaag chelsii waliin fi paaroos eefsii Viyariyaal waliin  taphatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015