Tamsaasa Kallatti:

Giddu galichi  magaalichatti  fedhii fi dhiheessii omishaa  wal madaalchisuun  sirni gabaa tasgabbaa’aan  akka  uumamu gargaareera

Onkoloolessa 26/2018(TOI)-Gidduugalli gabaa Magaalaa Finfinneetti ijaaraman  fedhii fi dhiheessii  omishaa  wal madaalchisuun  sirni  gabaa tasgabbaa’aan akka  uumamu  qood bahaa jiraachuu  shammattoonnii fi daldaltoonni dubbatan.

Itti Aanaan hoogganaa Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Tsaggaayee Dabalee  turtii TOI waliin taasisaniin Magaalaa Finfinneetti sirna daldalaa Ammayyaa’aa diriirsuu fi fedhii fi dhiheessii wal simsiisuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Giddu galli daldalaa kun midhaan, kuduraa fi muduraa akkasumas Omishawwan Industirii  gatii madaalawaan dhiheessaa jiraachuu  beeksisaniiru.

Omishawwan giddu gala gabichaan dhihaatan dhibbantaa 15 hanga 20 hir’ina gatii akka qaban hubachiisaniiru.

Gidd ugala gabaa dabalatee  gabaan sanbataa fi dilbataa  gabaa tasgabbeessuurratti   qooda olaanaa  kan bahan ta’uu eeraniiru.

Giddu gala gabichatti yeroo bitatan arginee kan dubbisne Fiqiree Dirshaa yaada kennaniin,  omisha barbaadan gatii madaalawaan argachuusaanii dubbataniiru.

 Fatiyyaa Amanuu  gamasheen  gidduugalichatti omishoonni gabaaf dhihaatan gatii alatti  gurguramurraa garaagarummaa guddaa akka qabu ibsiteetti.

Omishawwan kuduraa fi muduraan omishaarraa kallattiin shammattootaaf dhihaachuunsaanii omishawwan qulqullina qaban  gatii madaalawaan akka argatan  carraa  uumuusaa kan dubbatan immoo Darajjee Haayiluuti.

Omishtooota gidd ugala gabichaatti omishasaanii dhiheessan keessaa Gurmuu Calqabaa adeemsa gabaabsuun omishasaanii kallattiin shammattootaaf dhiheessaa akka jira ibsaniiru.

Magalichatti kallattii afuriin giddu galoonni gabaa jiran gatii madaalawaa fi omisha qulqullina qabu dhiheessaa jiraachuu omishaa Heenook Mangistuu dubbataniiru.

Omishaa biroon Alamaayyoo Raagoo  gamasaaniin,  Motummaan omishtootaf bakka hojii mijeessuusaan omishni  gatii madaalawaan  shammattoota bira akka gahuuf carraa  uumuu  himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015