Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan marii gabaa gam-lamee Chaayinaa waliin mallatteessite

Onkoloolessa 26/2018(TOI)-Itiyoophiyaan qaama marii miseensummaa dhaabbata daldalaa idil addunyaa kan ta’ee fi marii gabaa sadaffaa gam-lamee Chaayinaa waliin xumuruun Jenevaatti mallatteessiteetti.

Mallatticha Mootummoota gamtoomanii fi dhaabbilee idil addunyaa biroo Jenevaatti argamanitti ambaasaaddarri fi bakka bu’aan dhaabbataa Itiyoophiyaa ambaasaaddar saggaa’aab Kibaboo fi dhaabbata daldalaa addunyaatti ambaasaaddarrii fi bakka bu’aan dhaabbataa Chaayinaa Lii Yongijii mallatteessaniiru.

 Boqonnaa haaraa kanarra kan gahame mariileen bu’a qabeessii fi mariileen teekiniikaa biyyoota lamaan jidduutti erga taasifamanii booda ta’uun eerameera.

Kun ammoo biyyoonni lamaa tumsa dinagdee cimsuuf, sirna gabaa idil addunyaa haqa qabeessi, hunda galeessii fi seerota bu’uureffate uumuuf kutannoo qaban agarsiisa jedhaniiru.

Marii qaama marii miseensummaa dhaabbata daldalaa addunyaa ta’e marii gabaa gam-lamee kana Itiyoophiyaan Kanaan dura Turkiyyee fi Arjantiinaa waliin mallatteessuunshee ni beekama.

Fuulduras biyyoota biroo waliin mariiwwan walfakkaataa xumuruun mallatteessuun akka danda’amu hojjetamaa jira.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015