Ijaaramuun warshaichaa omishaa fi omishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf ni gargaara – korporeeshinicha - ENA Afaan Oromoo
Ijaaramuun warshaichaa omishaa fi omishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf ni gargaara – korporeeshinicha
Onkoloolessa 26/2018(TOI)-Warshaan Xaa’oo Yuuriyaa ijaaramuun omishaa fi omishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taassifamu akka deeggaru Korporeeshiniin Hojii Qonna Itiyoophiyaa ibse.
Waarshaan xaa’oo Yuuriyaa biyya keessatti ijaaramuun faayidaa hedduu qabaachuu hojii gaggeessaan hooggansa hojii komunikeeshinii fi itti gaafatama hawaasummaa Gaashawu Ayichiluum ibsan.
Bu’uuruma Kanaan ammaan dura rakkoowwan Xaa’oo Yuuriyaan yeroon, fageenyaan, gatiin, qulqullinaanii fi kanneen biroon dhiheessuurratti turan akka hanbisu ibsaniiru.
Akkasumas qonnaan bulaa fi dureeyyiin damee Qonnaarratti bobba’an dabalaa dhufuun fedhiin xaa’oo Yuuriyaa guutuuf akka deeggaru TOI’f ibsaniiru.
Gama biroon sharafa alaa bittaa xa’oo Yuuriyaaf bahaa ture akka oolchu eeraniiru.
Damee Qonnaa caalaatti guddisuun omisha qonnaa gara alaatti ergaman bal’inaan omishuu akka dandeessisu ibsuun, Kanaan kan wal-qabate damee qonnaan dandeettii dorgommii gabaa alaa Sadarkaa Olaanaan guddisa jedhaniru.
Xaa’oon Yuuriyaa yeroo barbaadamutti gatii fi hanga barbaadame dhiheenyatti argachuu dandeessisuun bu’aa biroo ta’uu eeraniiru.
Ijaaramuun warshichaa carraa hojii bal’aa uumuu fi cehumsa teekinooloojii fiduuf ni gargara jedhaniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Fulbaana 22 bara 2018 Invastimanti holdingii Itiyoophiyaa, daangootee giruuppii waliin wal tumsuun waarshaa xaa’oo Yuuriyaa Ijaaramuuf dhgaa bu’uuraa ka’uunsaanii ni yaadatama.
Baatii 40 keessatti ijaaramee akka xumuramu kan eerame waarshaan kun waggaatti xaa’oo toonii miiliyoona 3 omishuuf humna akka qabu ibsaeera.