Tamsaasa Kallatti:

Ulaan galaanaa faayidaa dinagdee hedduu qabuun alatti dhageettii addunyaarratti qabdu kan guddisudha-Hayyoota

Onkoloolessa 26/2018 (TOI)-Gaaffiin ulaa galaanaa argachuu faayidaa dinagdee hedduu akkuma qabu biyyi tokko dhiibbaa dhageettii sadarkaa Idil addunyaatti qabdu akka guddisu hayyoonni Yunivarsiitii Walaayittaa Sooddoo damee kanarratti qorannoo taasisan dubbatan.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa abbummaan qabaachuunshee madaallii kamiinuu gaaffii seera qabeessaa fi sirrii waan ta’eef deebii sirrii argachuu qaba jechuun hayyoonni ibsan.

Ulaan galaanaa carraa Invastimantii kallattii bal’isuun gamatti daangaan biyya tokkoo kabajamee akka jiraatu qooda olaanaa qaba jedhaniiru.

Itiyoophiyaan daba itti xaxamee fi miidhaawwan garagaraatiin ulaa galaanaarraa akka fagaattu haalli itti godhame baay’ee kan nama gaabbisiisu ta’uu hayyoonni ni ibsu.

Mootummaa ammaa ajandaa abbummaa ulaa galaanaa barootaaf gaabbii ture dhimma jiraachuu gochuun hawaasni addunyaa akka hubatu gochuunsaa kan jajamudha.

TOI’n hayyoota Yunivarsiitii Walaayittaa Sooddoo waliin turtii taasiseen gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafatte madaallii kamiinuu gaaffii seera qabeessaa fi sirrii waan ta’eef deebii sirrii argachuu qaba jedhaniiru.

Yunivarsiitichatti barsiisaa fi qorataan kutaa barnootaa seenaa fi bulchiinsa hambaa Dr. Abboshaa Shirkoo gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafatte dhugaa qabatamaa jiruun seera qabeessaa fi gaaffii ifaan dhihaate ta’uu dubbataniiru.

Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa dhimma jiraachuu ta’ee seera qabeessummaa, seenaa fi teessuma lafaa bu’uureffachuun fayyadama waloo akeekkachuun kan ka’e waan ta’eef deebiin sirrii kennamuufii qaba jedhaniiru.

Kutaa barnootaa dhimma lammummaa fi naamusaa Yunivarsiitichatti barsiisaa fi qorataan barnoota nagaa fi tasgabbii Wandimmuu Addee, Itiyoophiyaan waggoota 30 oliif ulaa galaanaa dhabdee turuunshee rakkoo guddaa akka irraan gahe ibsaniiru.

Sababni Itiyoophiyaan galaana diimaarraa addaan cite ragaa tokkollee akka hin qabne ta’uun isaa hunda keenyaaf gaaffii nutti ta’eera jedhaniiru.

Gaaffiin ulaa galaanaa argachuu faayidaa dinagdee hedduu akkuma qabu dhiibbaa dhageettii biyyi tokko sadarkaa idil addunyaatti qabdu akka guddisu hayyoonni damichaan qorannoo godhan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015