Tamsaasa Kallatti:

Yunivarsiitichi qorannoolee rakkoo qonnaan bulaa bu'ureeffatan irratti xiyyeeffannoon hojjachaa jira

Onkoloolessa 25/2018 (TOI)-Yunivarsiitiin Madda Walaabuu qorannoolee rakkoo qonnaan bulaa bu'ureeffatan irratti xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu beeksise.

Guyyaan dirree qorattoota, ogeessotaa fi qonnaan bultoota adda duree hirmaachise geeggeffame.

Saganticharratti kan argaman Pirezidaantii ittaanaa dhimmoota akkaadaamii, qorannoo fi ce'umsa teeknooloojii Dr. Bazzaabbih Wandimmuu Yunivarsiitichi qorannoolee rakkoo qonnaan bulaa bu'ureeffatan irratti xiyyeeffannoon hojjachaa jira jedhan.

Keessattuu, qorannooleen oomishtummaa sanyii qamadii fooyyessuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa daran dabaluu irratti xiyyeeffate agarsiiftuu kanaa ta'uu akeekan.

Yunivarsiitichi jiddugaloota qorannoo dhiheenya qonnaan bulaatti baroottan dabre keessa banuun hojiirra jiran qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota hojimaata fooyya'aan walbarsiisaa jiraachuu yaadachiisan.

Yunivarsiitichi yeroo ammaatti qonnaan bultoota adda duree godinoota Baalee lamaanii fi Arsii Lixaa hojimaata kilaastaraatiin gurmaa'aniif deeggarsa sanyii filatamaa, galteelee qonnaa fi leenjii ogummaa kennaa fi jiraachuus kaasan.

Guyyaan dirree qonnaan bultootaa fi qooda fudhattoota biroo walitti fiduun giddugala qorannoo Yunivarsiitichaatti geeggeffames qaamuma carraaqqii kanaa ta'uu yaadachiisan.

Qonnaan bultoonni dubbifne gama isaaniitiin deeggarsa galteelee qonnaatiifii ogummaa Yunivarsiiticharraa argataniin oomishtummaan isaanii dabalaa dhufuu dubbatan.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015