Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan hammattoo “Paartinashiippii giloobaal geet weeyiin” misoomaa fi guddina  hunda galeessa mirkaneessuuf kutannoon ni hojjetti - Ministira Maallaqaa Ahimad Shidee

Onkoloolessa 25/2018(TOI)-Itiyoophiyaan carraalee inisheetiivii Gamtaa Awurooppaa “Paartinashiippii giloobaal geet wayiin ” fayyadamuun guddinaa fi misooma  hunda galeessaa mirkaneessuuf kutannoon akka hojjetu Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee ibsan.

Fooramiin Invastimatii Itiyoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa faransaay Paarisitti  gaggeeffameera.

Dhimmoota fooramicharratti mariin gaggeefame keessaa innisheetivii Gamtaa Awurooppaa  “Paartinashiippii giloobaal geet wayii”ti.

“Paartinashiippii giloobaal geet wayii”’n  Innisheetifii  Idil-Addunyaa gamtaa Awurooppaa pirezidaantii komishinii Awurooppaa Ursula Von Der  Leyin’n  gaggeeffamu yoo ta’u, Gamtichi Biyyoota  adda  addaa waliin  Dijiitaalaayizeeshiniin, aannisa haaromfamuun, sirna soorataan, fayyaan, qonna fulla’aan, nagaa fi tagabbii dabalatee dameewwan furtuun tumsa qabuu fi walitti dhufeenya invastimantii cimsuuf kan kaayyeffatedha.

Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee fi  Qondaaltonni olaanoon Mootummaa Biroon  Gamtaa Awurooppaa fi Baankii Gamtaa Invastimatii Awurooppaa haala Innisheetivichaan ijaarsa bu’uuraalee misoomaan Annisaa Haaromfamaan, walitti hidhaminsa Dijiitaalaa fi ce’umsa Misooma Magariisaan   yaa’insa Invastimatii guddisuu haala danda’amurratti marii’ataniiru.

Ministirri maallaqaa Gamtichaa fi bakka bu’oota Baankichaa waliin Obbolummaa haala cimsuun danda’amurratti kan marii’atan yoo ta’u, Itiyophiyaa giloobaal geet wayiin  fayyadamuun guddina hunda galeessa  Industirii guddisuu fi jijiirama haala qilleensaaf misooma hin raafamne  ijaaruuf  kutannoo qabdu ibsaniiru.

Marichi Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa fayyadamummaa waloo haala bu’uura godhateen invastimantii fulla’aa cimsuuf, walitti hidhaminsa Dinagdee dagaagsuu fi hariiroo yeroo dheeraa cimsuuf mul’ata waloo qaban  kan agarsiisu  ta’uu Odeeffannoon Ministeerri Maallaqaa TOI’f ergeen beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015