Naannoo Harariitti dhaabbilee daldalaa 336 gatii hin malle dabalan irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatame - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti dhaabbilee daldalaa 336 gatii hin malle dabalan irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatame
Onkoloolessa 25/2018 (TOI)- Naannoo Harariitti dhaabbilee daldalaa 336 shaqaxarratti gatii hin malle dabalanii fi gatii shaqaxaa hin maxxansine irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatamuuejensiin misooma daldalaa naannichaa ibse.
Ejensii misooma daldalaa naannoo Harariitti daarektarri hordoffii fi to’annaa daldalaa obbo Miiliyoon Tsiggee TOI’f akka ibsanitti,naannichatti humni waloo hordoffii fi to’annoo gabaa hundaa’ee dhaabbilee daldalaa shaqaxootaa fi oomishoota biroorratti gatii hin malle dabalanirratti to’annaan taasifamaa jira.
Humni waloo dhaabbilee sektara garagaraa irraa walitti dhufan amma aanaatti gurmaa’uun odeeffannoo gabaa walitti qabuu fi gatii gurgurtaa ummanni akka beeku akka maxxansan gochaa turuu eeraniiru.
Akkasumas shaqaxoonni man-kuusaa keessatti akka hin kuufamnee fi akka hin miliqfamne sakatta’iinsa gochaa turuu ddabalanii dubbataniiru..
Amma ammaatti dhaabblee daldalaa kuma 3 fi 565 irratti hordooffii fi to’annaa gochuu isaa fi dhaabbilee daldalaa gatii hin malle dabaliinii fi gatii gurgurtaa kan hin maxxansine 336 irratti tarkaanfii seerraa fudhachuusaa dubbataniiru.
Kanneen keessaa 3 maallaqaan kan adabaman yemmuu ta’u kanneen hafan saamsamuu, dinniinni afaanii fi barreeffamaa kennamuu ibsaniiru.
Kana malees naannichatti buufataalee boba’aa gatii hin malleen boba’aa osoo gurguranii argaman lama irratti himannaan banamee dhimmisaanii mana murtiin ilaalamaa akka jiru dubbataniiru.
Kana malees ejensichi hanqinni dhiheessii shaqaxaa akka hin mudanne oomishaalee naannichatti oomishaman gabaa Sanbataa fi Dilbataan hawaasaaf dhiheessuu akkasumas waldaalee fi Yuuniyeenota waliin qindaa’uun oomishoonni bakka biraa irraa galfamuu isaa dubbataniiru.