Gaaffiin Ulaa galaanaa Argachuu wayitaawaa, yeroon kan nu dirqisiisuu fi ajandaa lammiilee hundaati–Hayyoota - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiin Ulaa galaanaa Argachuu wayitaawaa, yeroon kan nu dirqisiisuu fi ajandaa lammiilee hundaati–Hayyoota
           Onkoloolessa 25/2018(TOI)-Gaaffiin ulaa galanaa shiraan dhabne argachuun wayitaawaa, yerichi kan gaafatuu fi Ajandaa jalqabaa lammiilee hundaati jechuun hayyoonni ibsan.
Dhimma kanarratti TOI’n Hayyoota Yuunvarsiitii Dirree Dawaa dubbiseeera.
Barsiisaa Sooshaal Antiroopooloojii gargaaraa Piroofeesaraa Tansaay Haayiluu akka jedhanitti, ulaa galaanaa shiraan dhabne gaafiin argachuuf gaafanne wayitaawaa, yeroon kan gaafatuu fi Ajandaa lammiilee hundaa adda dureeti jedhaniiru.
Biyyi keenya gaaffii ulaa galaanaa Argachuu seenaanis ta’e seera Idil-Addunyaan fudhatama kan qabuu fi gaaffii jiraachuuti kan jedha immoo  Barreessaa Ganfa Afriikaa fi Barsiisaa Saayinsii Siyaasaa fi Quunnamtii Addunyaa Waakkennee Ofkaalaa ti.
                       
                       
 
Mirga seeraa fi seenaa qabeessa Qajeeltoo Dippiloomaasii fi itti fayyadama waloon argachuuf tarkaanfii hojii mootummaan eegalee fi murtoowwan barabaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Gargaaraan Piroofeesaraa Tansaay Haayiluu dabaluun akka ibsanitti, haalli Itiyoophiyaan itti ulaa galaa dhabde yaada tokko tokkoo Itiyoophiyaanotaa keessa kan deddeebi’u gaaffii jireenyaa ta’uu ibsaniiru.
Carraan biyyaa gara fuulduraa guddinaa fi jiraachuu mirkaneessuuf ejjennoo mootummaa fi daandiin itti deemaa jiru sirrii fi wayitawaa dha jedhaniiru.
Ummata miiliyoona 130 olii fi biyuya Dinagdee guddaa qabdu balballi itti cufamee  jiraachuushee itti fufsiisuun hin danda’amu kan jedhan immoo barsiisaa fi Barreessaa Ganfa Afriikaa Waakkennee Ofkaalaa ti.
                       
                       
Gaaffiin ulaa galaanaa seerota Idil-Addunyaan dippiloomaasii waloon misoomaa galmaan ga’uuf tattaaffiin qindoominaa cimuu akka qabu eeraniiru.
Gargaaraan Piroofeeseraa Tansaay Haayiluu Ulaan Galaanaa gaaffii jiraachuu ta’e milkeessuuf Itiyoophiyaanonni biyya keessaa fi biyya alaa jiran, hayyoota dabalatee itti gaafatamummaa seenaa qabu jedhaniiru.
Keessumaa guddinaa fi misooma Itiyoophiyaa kan hin feene gibtsii fi biyyoonni ishee fakkaataniif biyyi keenya qabatamaan qajeeltoo waloon misoomuu beeksisuu fi ibsuufii qabdi.