Tamsaasa Kallatti:

Sagantichi Sadarkaa Maatiiti Wabii nyaataa Mirkaneessuuf Gumaacheerra

Onkoloolessa 25/2018(TOI)- Sagantaan Maaddii Guutuu sadarkaa maatiitti birmadummaa nyaataa mirkaneessuun gara galtee Industirii Qindaa’aatti akka ce’aniif carraa uumaafii jiraachuu Magaalaa Finfinneetti sagantichatti fayyadaman dubbatan.

Ministirri muummee Dr.Abiyi Ahimad Onkoloolessa 23 bara 2015 sagantaa “maaddii guutuu” wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuuf itti amaname magaalaa Arbaa Mincitti eegalchiisuun isaanii ni yaadatama.

Sagantichi yaadama nyaata koo boroo koo keessaa jedhuun horsiisa lukkuun, Aannaniin, dammaa fi Qurxummiin fayyadamummaa mirkaneessuun kaayyoo  nyaata madaalamaa dhaqqabamaa taassisuu  kan kaayyeffatedha.

Fayyadamtoota Sagantaa maaddii guutuu Magaalaa Finfinnee TOI’n dubbise  obbo Abarraa Bayyanaa hojii  sa’a Aannaniirratti eegalan  ofirra darbanii lammiilee hedduuf carraa hojii uumuun fayyadamoo Dinagdee akka ta’an gochuusaanii dubbataniiru.

Dhaabbanni horsiisa loonii fi lukkuu Nafiiraa farm” kan maatii isaa jaaha waliin hundeesse yeroo ammaa sa’a aannanii sanyii fooyya’aa fichisiisuu waan danda’eef hojiinsaanii guddaa fooyya’uusaa eereera.

Yeroo ammaa sa’a  elmaman 28 irraa guyyaatti aannan liitira 400 argachaa jiraachuu eeruun, fuulduratti guyyaatti hanga liitira kuma 1 fi 500  geessisuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniieru.

Hojii gaggeessaan “dhaabbata Aannanii Sagannat” Makataa Fiqiree gamasaaniin, waggaa lamaan har’aa hojii sa’a Aannanii 2n eegalan  sadarkaa guddaarrra gahuu beeksisaniiru.

Lukkuu fi killee omishuun gabaaf gatii madaalawaan dhiheessuun qaala’insa jireenyaa ittisuuf qoodasaanii bahaa jiraachuu  kan ibsan itti aanaa hojii gaggeessaa “Daagii diyaarii faarmi” obbo Faasil Azzenee ti.

Yeroo amma lukkuu kuma 6  horsiisuun guyyaatti  killee  hanga kuma 5 fi 500  omishna jedhaniiru.

Itti Aanaan Komishinara Komishinii Biiroo Qonnaa fi misooma Magaalaa Magaalaa Finfinnee Obbo Mahaammad Ligaanee  komishinichi  Magaalichatti  damee beelladaa fi  biqiltootarratti  omishtoota hirmaatan sadarkaa guddaan deeggara jiraachuu beeksisaniiru.

Jiraattonni magaalichaa lafa qabanirratti beellada horsiisuun fi muduraa fi kuduraa omishuun sadarkaa maatiitti birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf kan dandeessisu hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Yeroo amma magaalichatti kutaan hawaasaa Miiliyona1 ol ta’an saganticharratti hirmaachuun fayyadamoo ta’uusaanii odeeffannoon komishinichaa ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015