Itiyoophiyaan Galaana Diimaa akka hin fayyadamne seerri dhorku hin jiru - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Galaana Diimaa akka hin fayyadamne seerri dhorku hin jiru
Onkoloolessa 25/2018(TOI)- Itiyoophiyaan Galaana Diimaa akka hin fayyadamne seerri dhorku hanga hin jirretti Galaana diimaa fayyadamuuf gaaffii kaasuunshee bu’uura seeraa qabaachuun ibsame.
Yunvarsiisii Asoosaatti Barsiisaa fi qorataan Seeraa Kidaanee Dayyaasaa TOI waliin turtii taassisan, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf adeemsa taassisaa jirtu gama seeraan dhiheenyatti hordofaa akka jiran kaasaniiru.
Bu’uuruma Kanaan balbala Galaanaa kan dhabde Itiyoophiyaan haala seera galaanaa idil-Addunyaan bakka gahumsa galaanaa Argachuuf mirga akka qabdu eeruun, Itiyoophiyaan Galaana diimaa akka hin fayyadamne seerri ishee dhorku hin jiru jedhaniiru.
Itiyoophiyaan itti fayyadamaa kan turte buufanni Asab walii galtee Aljeersirratti illee maal ta’uu akka qabu ifatti kan kaa’ame akka hin jirre hubachiisaniiru.
Walii galteen Aljeersi yeroo mallattaa’us daangaa biyyittiin naaf mala jettu qofaarratti akka xiyyeefate kaasaniiru.
Kanaaf Buufata Asabii fi Galaana Diimaa Eertiraan kiyya jettee akka fayyadamtuu fi Itiyoophiyaan akka itti hin fayyadamne jedhamtee dhorkamtu bu’uurri seeraa dhorku akka hin jirre mirkaneessaniiru.
Gama biroon daldala Idil Addunyaa Dabalatee seera Galaanaa Idil- Addunyaan Galaanaa guddaa kan jedhamu qabeenya hundaa jedhamuu eeruun, qabeenya kana fayyadamuuf balballi galaanaa dirqama barbaachisaadha jedhaniiru.
Kanaaf Itiyoophiyaan filannoo Kanaan mirga Galaana diimaa fayyaadamuu akka qabdu dagachuu hin qabnu jedhaniiru.
Walii gala bu’uura qabxii armaan olitti ibsamaniin gaffii Itiyoophiyaan ulaa Galaanaa argachuuf kaaste bu’uura seera idil addunya kan qabu ta’uu cimsanii ibsaniiru.
Buufata Asab Itiyoophiyaan itti fayyadamaa turtee fi Galaana Diimaan gara Ertiraatti akka hammatamu haalli itti taassifame ragaan akka hin jirre Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad dhiyeenya kana kan gaggeeffame walga’ii mana maree bakka bu’oota ummataa irratti ibsaniiru,
Waliigala Itiyoophiyaan haala Dinagdee qabduun, baay’ina uummataa fi guddina damdaneessaan daldala alaa galuu fi Al-ergeef ulaan galaanaa akka ishee barbaachisu hubachiisaniiru.