Dhuma bara hojii Mana richaarraa maaltu eeggamaa - ENA Afaan Oromoo
Dhuma bara hojii Mana richaarraa maaltu eeggamaa
Onkoloolessa 24/2018(TOI)-Mana maree bakka bu’oota Uummataa Marsaa 6ffaa bara hojii dhumaarra dhimmoonni eegaman maalfa’ii ?
Mana maree bakka bu’oota Uummataa Marsaa 6ffaa bara hojii 5ffaan bara kana ni xumurama jedhameetu eegama.
Manni marichi Aangoo heera mootummaan kennameef bu’uureffachuun seera ni baasa, dhaabbiilee raawwachiiftotaa ni hordofa, ni to’ata.
Dippiloomaasii Paarlaamaa akkasumas bakka bu’ummaa ummataa ni raawwata.
Manni marichi waggoottan Afran darban jijiirama biyyoolessaa caalaatti kan saffisiisanii fi hojiiwwan gaaffiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummataa ilaallatan hojjechaa turuusaa Miseensonni Mana Maree kaasaniiru.
Dhimmicharratti Miseensonni Mana maree bakka bu’oota uummataa TOI’n dubbise yeroo hojiisaanii hafe guddina hunda galeessa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojiiwwan eegalaman caalaatti bu’aa qabeessa akka ta’aniif cimmanii akka hojjetan mirkaneessaniiru.
Miseensota Mana Maree keessaa Dr.Mabiraatuu Alamuu bara qabame dhimmoota eegaman keessaa Komishiniin Mareen biyyoolessaa ajandaawwan filatamanirrattii marii taassisudha jedhaniiru.
Komishinichi cabinsa siyaasa Itiyoophiyaa suphuu fi rakkoowwan turan aadaa mariin furuuf dagaagsuuf furmaata akka fidu amanamuusaa kaasaniiru.
Manni marichi yeroo hojiisaa hafetti komishiniin marii biyoolessaa gara hojiitti akka galuu fi rakkoowwan mariin furmaata akka argataniif cimsee ni hojjeta jedhaniiru.
Gareen obbolaawwan Paarlaamaa Itiyoophiyaan biyyoota Ollaa waliin hariiroo qabdu caalaatti cimsuuf xiyyeeffanoon akka hojjetan kan ibsan immoo miseensa mana maree biroo Saadiq Adami.
Dippiloomasii paarlaamatiin faayidaa biyyoolessa Itiyoophiyaa kan kabachiisanii fi dhimmoota fedhii misooma biyyattii hubachiisan irratti bal’inaan ni hojjetama jedhaniiru.
Miseensa Mana Maree bakka bu’oota Ummataa Dr. Alamuu Gonfaa gamasaaniin, bara bajataa qabametti Itiyoophiyaatti Pirojektoonni misoomaa hedduun eegalamuusaanii ibsaniiru.
Miseensonni mana marichaas yeroo hojiisaanii waggaa dhumaa pirojektoota kana saffisa foyya’aa fi kalaqaan akka dhugoomuuf deeggarsaa fi hordoffii addaa taassisu jedhaniiru.
Mana maree Itti aanuuf haala mijataa uumuu fi qooda miseensota mana maree bakka bu’oota ummataa waggaa shanii ta’uu hubachiisaniiru.