Tamsaasa Kallatti:

Riijinichatti Wabii nyaataa Mirkaneessuuf tattaaffiiwwan ta’aniif deeggarsi taassifama-IGAD

Onkoloolessa 24/2018(TOI)-Riijinichatti wabii nyaataa, omishtummaa Qonnaa mirkaneessuuf tattaaffiiwwan taassifamaniif deeggarsi akka taassifamu IGAD beeksise.

IGAD workishooppii Mirkaneessa Tarsiimoo Qorannoo Jallisii Magaalaa Finfinneetti gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, saganticharratti bakka bu’oonni biyyoota miseensa Riijinichaa  hirmaachaa jiru.

IGADtti Daarektarri  tumsa Diinagdee fi  walitti hidhaminsa Riijinii Moheeladdiin Alitohamii  wayita kana akka jedhanitti,  Riijinichi hongee fi rakkoo dhiheessii bishaaniin rakkachaa jira.

Biyyoonni Miseensa IGAD omishtummaa Qonnaa dabaluuf misooma jallisii fi qabeenya bishaanii qabachuuf dursa kennuu akka qaban hubachiisaniiru.

Tarsiimoon jallisii Riijinichatti humna jallisii fi misooma Qonnaa guddisuuf, wabii nyaataa mirkaneessuu fi mancaatii naannoof furmaata kennuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru.

 Riijinichatti lafti Qonnaaf mijataa ta’e jiraachuu hordofee omishtummaa Qonnaa Jallisiin deeggaruun guddisuun akka danda’amu eeraniiru.

Ministeera jallisii fi Naannoowwan gamoojjiitti hojii gaggeessaan Diizaayinii pirojektoota Jallisii  Yaared Mulaat  gamasaaniin  biyyoonni miseensaa hongee dedeebi’aa fi dhimma  rakkoon  raabsa dhiheessii bishaanii hordofiisaniin qoramaa jiraachuu dubbataniiru.

Damee Qonnaan jallisii babal’isuu, omishtummaa qonnaa fooyyessuu, Jireenya fulla’aa hawaasa baadiyaa  mirkaneessuu, hiyyummaa hir’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf  daandii guddaa ta’uu  dubbataniiru.

Hammattoo misooma jallisii fi Bulchiinsa Bishaanii Itiyoophiyaa bocuu fi duudhaaleesaa hojiirra oolchuun hirmaannaa taassisaa jirachuu eeraniiru.

Hammattichi karoora Ardii ta’us, Tarsiimoo biyyoolesaa Itiyoophiyaa fi imaammattoota  kaayyoowwansaa waliin walsimuusaanii dubbataniiru.

Mootummaan saaxilamummaa Jijiirama Haala qilleensaa hir’isuuf eegumsa biyyee fi bishaanii, qabinsa sulula bishaanii irratti sagantaawwan xiyyeeffatan bocee hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

 Itiyoophiyaan Pirojektoota Jallisii Guddaa, Gidduu galeessaa fi xiqqaa ijaruurratti akka argamtu beeksisuun karoorawwan jiran ammayyeessuu fi raawwiisaanii fooyyeessuuf   tattaaffiiwwan gargaaran itti fufuusaanii kaasaniiru.

Qamadii fi RuuziinJallisiin misoomaa jiru akkasumas Ashaaraa magariisaa Innisheetivoota  jijiirama biyyoolessaa  ta’uusanii eeraniiru.

Qoodni tarsiimichaa guddaa fi qabeenya hin tuqamne kan qabdu Afriikaan caalaatti  omishaa fi egeree dhaabbataa ta’e mirkaneessuuf kan dandeessisu ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015