Tamsaasa Kallatti:

Humnoonni hojii baandaa raawwachaa jiran hojii biyya ganuurraa of qusachuu qabu – fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa

Onkoloolessa 24/2018(TOI)- Humnoonni gocha baandaa raawwachaa jiran hojii biyya ganuurraa of qusachuu akka qaban  Itaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa walii gala fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa ibsan.

Haleellaan  raayyaa ittisaa Izzii kaabaarratti raawwatame kan yaadatamu gochi gaddisiisaan raawwatame kan yaadatamu yoomiyyuu akka hindeebine yaadachuuf ta’uu Itaamaajoora Shuumiin humnoota waraanaa walii gala ibsaniiru.

Raayyaan ittisaa Izzii Kaabaa Yaadannoo haleellaa irratti raawwatame waggaa shanaffaa mata duree “akka hindeebine yoomiyyuu hin hrraanfannu” jedhuun wiirtuu leenjii izzii komaandoo fi humna qilleensaatti Bishooftuutti kabajameera.

Onkoloolessa 24 bara 2013 waggaa shan dura qaama raayyaa ittisa biyyaa kan ta’e Izzii Kaabaarratti hojiin gantummaa akka irratti raawwatame ni beekama.

Itaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa walii gala Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Itti aanaan Itaamaajoor shuumii humnoota waraanaa  walii gala Jeneraal Ababaawu Taaddasaa fi qondaaltonni jeneraalaa onaanoo biroo fi miseensonni raayyaa ittisaa saganticharratti, argamaniiru.

Itaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa walii gala Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa wayita kana  akka jedhanitti, Onkoloolessi 24 yaadannoo wareegamtoota Izzii kaabaati.

Raayyaan ittisaa daangaa biyyasaa kabachiisuun birmadummaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf qophii ta’uus dubbataniiru.

Miseensonni raayyaa ittisaa izzii kaabaa naannoo Tigraayiif dahannoo fi dallaa akka ture ibsanii, amma ammaatti Izzii kaabaan alatti lammii isaatiin haleellaan kan irra gahe akka hin uumamne dubbataniiru.

Raayyaan ittisaa ofirraa hir’isee Tigraayitti mana barumsaa hedduu, dhaabbilee fayyaa fi misooma qonnaa akka raawwate ibsanii, gochi Onkoloolessa 24 raawwatame garuu seenaa Itiyoophiyaa keessatti godaannisa bara baraati jedhaniiru.

Haleellaan Izzii kaabaarratti raawwatame yoomiyyuu akka hin hirraanfatamne ta’uu ibsanii, guyyaan kun kan yaadatamu kana booda akka hin deebineef ta’uu dubbataniiru.

Fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa guyyaa kana yemmuu yaadatan, mootummaan wayita sana walitti bu’iinsa bakka garagaraatti ture qabbaneessuuf yeroo itti dhama’u malee waraanaaf qophiirra akka hin turre yaadataniiru.

Mootummaan yeroo hundaa daandii nagaaf balballisaa banaa taassisuu eeruun, kaleessarra barachuu dhabun walmorkiin taassifamu dhaabbachuu qaba  jedhaniiru.

Miseensonni muraasni ABUT qaamolee hidhatan deeggaruun, biyyoota ollaa waliin hidhata uumuun biyya diiguuf D.D.R.’n kan walitti qabaman diiguun walii galtee nagaa Piriitooriyaa cabsaa jiraachuu ibsaniiru.  

Humnoonni hojii baandaarratti bobba’an kan ummata bakka hin buune kunneen hojiiisaanii biyya gantummaarraa of qusachuu akka qaban dubbataniiru.

Daarektarri Olanaan Ijaarsa Xinsammuu Raayyaa Ittisa biyyaa Mejer Jeneraal Indaalkaachoo   Waldakidaan gamasaaniin, waggaa shanii dura miseensora raayyaa  Ajaja  Kaabaarratti  haleellaan raawwatame birmadummaa biyyarratti shira yaadame ta’uu eeraniiru.

Yeroon yaadannoo Ajaja kabaa haala yeroosaa gituun kabajamaa jira jedhaniiru.

Haleellaan raawwatame akka hin dabalamneef yoomiyyuu hin dagannu kan jedhan Mejer Jeneraal Indalkaachoon, haleellicha qolachuuf miseensota raayyaa Aarsaa kaffalan  yaadachuu fi  qabsosaaniif beekamtii kennuuf akka kabajamu ibsaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015