To’annaan Daldala Seeraan Alaarratti Taasifamu ciminaan itti fufa - ENA Afaan Oromoo
To’annaan Daldala Seeraan Alaarratti Taasifamu ciminaan itti fufa
Onkoloolessa 24/2018(TOI)- Magaalichatti Daldaltoota Daldala seeraan alaarratti bobba’anirratti to’annoon taassifamu cimee itti fufuu biroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Magaalaa Finfinneetti Qaala’insa jireenyaa xiqqeessuu fi gabaa tasgabbeessuuf shammattoonni meeshaalee bu’uuraa barbaachisan gatii madaalawaan haala itti argatan uumameera.
Sirni gabaa seera qabeessaa fi haqa qabeessa akka tahuuf Biiroon Daldalaa fi Galiiwwanii hojiiwwan adda addaa hojjechaa jiraachuu Itti Aanaan Biiroon Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Tsaggaayee Dabalee turtii TOI waliin taassisaaniin dubbataniiru.
Daldaltoonni sirna daldalaa seera qabeessa hin taane seera qabeessa ta’anii akka daldalan taassifamaa jira jedhaniiru.
Magaalichatti sochiin daldala seeraan alaa keessumaa gabaa Sanbataa fi Dilbata gidduu gala gabaatti seera qabeessummaasaa hordofuun akka hojjetan ta’uu dubbataniiru.
Sochii daldalaa idilee hin taanegara seera qabeessatti galchuun dorgommii daldalaa seera qabeessa mirkaneessuuf qooda murteessaa qaba jedhaniiru.
Biirichi bara 2018 kurmaana jalqabaan daldaltoota seeraan alaa kuma shanii ol gara sirna daldalaa seera qabeessatti akka galan ta’eera jedhaniiru.
Itti Anaan Biiroo Galiiwwan Magaalaa Finfinnee Miikiyaas Mulgeetaa gamasaaniin kurmaana jalqabaatti daldaltoota nagayee malee daldalan kuma 2 ol ta’an irratti tarkaanfiin fudhatameera jedhaniiru.
Bu’uura taaksii babal’isuun galii magaalittiin maddisiistu sirnaan walitti qabuuf hojiin seera kabachiisuu cimee itti fufa jedhaniiru.
Daldalaan gibira kaffaluun dirqama biyyoolessaa ta’uu beekee karaa seera qabeessaan hojii daldalaa akka raawwatu hubannoon uumamaa jiraachuu ibsaniiru.
Daldaltoonni gamasaaniin sirna daldalaa haqa qabeessaa fi dorgomaa gochuuf gibirasaanii sirnaan beeksisuun yeroon kaffalaa jiraachuu himaniiru.
Daldaltoota keessaa Indaashaw Abbabaa, Itiyoophiyaan fedhii bu’uuraalee misoomaa guutuuf galii sirnaan walitti qabuu qabdi jedhaniiru.
Sirni kaffaltii gibiraa filannoowwan dijitaalaan kan deeggarame waan ta’eef yeroo fi humna kan qusatu ta’uu eeruun isaaniis dirqamasaanii bahaa jiraachuu eeraniiru.
Daldalaa biroon Musxafaa Mahaammad gibirasaanii sirnaan kaffaluun dirqama