Godina Wallagga Lixaatti namoota kuma 41 caalaniif carraan hojii uumameera - ENA Afaan Oromoo
Godina Wallagga Lixaatti namoota kuma 41 caalaniif carraan hojii uumameera
Onkoloolessa 24/2018(TOI)-Baatiiwwan sadan darban Godina Wallagga Lixaatti namoota kuma 41 caalaniif dameelee garagaraan carraan hojii uumamuusaa waajjirri carraa hojii fi ogummaa godinichaa ibse.
Godinichatti hoogganaan waajjira carraa hojii fi ogummaa obbo Darajjee Guddinaa TOI’f akka ibsanitti, bara bajataa kana godinichatti namoota kuma 165’f carraa hojii uumuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Bara bajatichaa baatii sadan darban namoota kuma 41 caalaniif carraan hojii uumameera.
Carraa hojii dameelee qonnaa, daldala, albuuda, horsiisa loonii, konistiraakshinii, maanuufaakchariingii fi kanneen biroon uumamuu dubbataniiru.
Kannee carraan hojii uumameef bakka itti hijjetanii fi liqiin mijaa’uun alatti leenjii ogummaa akka argatan gochuun bu’a qabeessa akka ta’an deeggaraa akka jiru dubbataniiru.
Kanneen waldaan gurmaa’aniif lafti heektaara kuma 1 fi 915, sheediin 61 fi tajaajilli liqii birriin miiliyoona 115 mijeeffamuu obbo Darajjeen ibsaniiru.
Kanneen carraan hojii uumameef keessaa dargaggoo Mikaa’el Salamoon hiriyyootasaa afur waliin ta’uun gurmaa’anii hojii maxxansaa hojjechaa jiru.
Bakkki hojii fi liqiin maallaqaa waajjiricharraa argatan yeroo gabaabaatti hojiisaaniin bu’a qabeessa akka ta’an gochaa jiraachuu ibseera.
Yeroo ammaa baatii baatiin birrii kuma 10 ol argachaa akka jiruu fi kanaanis maxxantummaa maatii jalaa bahuuf akka isa gargaare dubbateera.
Fuulduras kan argaturraa qusachuun guddachuuf hojjechaa akka jiru eeree, keessumaa dargaggoon hojii osoo hin tuffatiin waldaan gurmaa’ee jijjiiramuuf hojjechuu akka qabu ibseera.
Dargaggoo kennasaa Gannatii hiriyyootasaa sadii waliin gurmaa’uun daldala elektirooniksii hojjechaa akka jiranii fi yeroo qaban hojiirra oolchuun bu’a qabeessa ta’uuf cimanii hojjechaa akka jiran dubbateera.
Fuulduras jabaatanii hojjechuun kanneen biroof carraa hojii uumuuf karoorsanii hojjechaa akka jiran eeree, deeggarsi mootummaan dargaggoonni waldaan gurmaa’an bu’a qabeessa gochuuf itti jiru kan jajjabeeffamuu fi cimuu akka qabu ibseera.