Hojiiwwan qulqullinaa fi dhaqabamummaa tajaajila fayyaa fooyyessuuf hojjetaman muxannoon kan fudhatamanidha-Dhaabbata fayyaa Addunyaa - ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan qulqullinaa fi dhaqabamummaa tajaajila fayyaa fooyyessuuf hojjetaman muxannoon kan fudhatamanidha-Dhaabbata fayyaa Addunyaa
Onkoloolessa 24/2018(TOI)-Hojiileen Itiyoophiyaan Qulqullinaa fi dhaqabamummaa tajaajila fayyaa babal’isuuf hojjete kan dinqisiifatamanii fi kan muuxannoon irraa fudhataman ta’uu dhaabbanni fayyaa Addunyaa beeksise.
Dhaabbata fayyaa Addunyaatti bakka bu’aan Itiyoophiyaa, Gamtaa Afriikaa fi kommishinii dinagdee Afriikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Piroofeesar Firaansis chiisakat akka jedhanitti, Itiyoophiyaan waliin gahiinsa tajaajila fayyaa qulqulluu lammiilee babal’isuuf hojiin hojjette kan dinqisiifatamuu fi kan muuxannoon irraa fudhatamudha.
Piroofeesar Firaansis chiisakat TOI’f akka ibsanitti, waggoottan muraasa darban Itiyoophiyaan damee fayyaan milka’ina guddaa galmeessisteetti.
Itiyoophiyaatti lammiileen tajaajila qulqullina qabu akka argataniif dhiheessii meeshaalee wal’aansaa adda addaa dhaqabsiisuun, akkasumas biyya keessatti qoricha omishuurratti hojii milkaa’ina qabu hojjechaa jirti jedhaniiru.
Dhaabbanni fayyaa Addunyaa Mootummaa Itiyoophiyaa waliin wal tumsuun tajaajila fayyaa fayyummaansaa mirkanaa’e dhaqqabamaa akka ta’uuf deeggarsa taassisu cimsee akka itti fufu mirkaneessera.
Dhibeewwan tasaaf deebii kennuuf hojiiwwan hojjetaman cimsinee itti fufna jedhaniiru .
Dhaabbatichi damee Fayyaan Itiyoophiyaa waliin dhiheenyatti kan hojjetui ta’uu eeruun, kunis cimee akka itti fufu dubbataniiru.
Keessumaa dhukkuboota wal’aansa hatattamaa barbaadanii fi weerara to’achuuf Itiyoophiyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Fakkeenyaaf Covid-19 ittisuuf Mootummaa Itiyoophiyaa waliin hojiin milkaa’inaa hojjetamuu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan Afriikaatti gidduugala Omisha Qorichaa akka taatuuf deeggarsa taasisuun haala danda’amurratti argamna jedhaniiru.