Akkaataan Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde haqa dhabeessaa fi dogoggora seenaati - ENA Afaan Oromoo
Akkaataan Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde haqa dhabeessaa fi dogoggora seenaati
 
           Onkoloolessa 21/2018(TOI)- Akkaataan Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde haqa dhabeessaa fi dogoggora seenaa ta’uusaa itti Aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo ibsan.
                
                
  
Itti Aantuun Af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo ulaa galaanaa dhabuun shaqaxaan kan wal qabatu qofa osoo hin ta’iin inumaayyuu bilisummaa imaammata ishee kan dhabsiisu, dhiibbaa dinagdee kan uumu dhimma birmadummaa ta’uusaa ibsaniiru.
Kanaaf Mootummaan Itiyoophiyaan deebiftee ulaa galaanaa akka argattu karaa nagaa fi ejjennoo qajeelfama kennanii fudhachuu qabachuushee dubbataniiru.
Mana Maree bakka bu’oota ummataatti de’eetaan ministira itti aanaa itti waamamaa Masarat Hayilee dhimmi abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa hawaasa addunyaa biratti fudhatama argachuusaa ibsaniiru.
                
                
  
Itiyoophiyaan abbaa ulaa galaanaa ta’uushee karaa kennanii fudhachuu mirkaneessuuf hojjechaa akka jirtu ibsanii, tattaaffii kana cimsitee itti fuftii jedhaniiru.
Mana marichaatti itti aantuun walitti qabduu koree dhaabbataa hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa Dr. Fathii Mahidii kaayyoo abbummaa ulaa galaanaa tattaaffii karaa nagaa fi dippilomaasii milkeessuun dirqama keenya jechuun ibsaniiru.
Itti aantuun af-yaa’ii Loomii Badhoo mootummaa abbummaa ulaa galaanaa karaa nagaa mirkaneessuuf tattaaffii taasisu ummanni Itiyoophiyaa deeggaruu qaba jechuun dubbataniiru.
                
                
  
Manni maree bakka bu’oota ummataa karaa dippilomaasii paarlaamaa, labsiiwwan deeggaraa ta’an baasuun fi imaammattoota gamaaggamuun tattaaffiin mootummaa hojiirra akka oolu qoodasaa ni baha jedhaniiru.