Gaaffiin ulaa galaanaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaa fi dhimma faayidaa biyyaalessaa waan ta’eef hojiirra oolmaasaaf ni hojjetama-Mana maree waloo - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiin ulaa galaanaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaa fi dhimma faayidaa biyyaalessaa waan ta’eef hojiirra oolmaasaaf ni hojjetama-Mana maree waloo
 
           Onkoloolessa 21/2018(TOI)-Gaaffii ulaa galaanaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaa fi dhimma faayidaa biyyaalessaa gochuun hojiirra oolmaasaaf kan hojjetu ta’uu manni maree waloo paartilee siyaasaa naannoo Oromiyaa ibse.
                
                
  
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad miseensota mana maree bakka bu’oota ummataaf dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seenaa qabeessaa, teessuma lafaa fi dinagdee jenneetu amanna jechuun isaanii ni yaadatama.
Itiyoophiyaan itti cufamee jiraachuu hin dandeessu, olloota keenyaaf waanti jechuu barbaannu Itiyoophiyaan yemmuu guddattu misooma riijinichaaf madda taati, kan barbaannu tumsaan guddachuudha, kanaaf dhimmi ulaa galaanaa Itiyoophiyaaf dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti jechuun cimsanii dubbataniiru.
Hooggantoonni paartilee siyaasaa waloo naannoo Oromiyaa TOI’ waliin turtii taasisaniin, gaaffiin ulaa galaanaa dhugaawwan seera qabeessa, seena qabeessaa fi teessuma lafaa kan bu’uureffate ta’uu ibsaniiru.
                
                
  
Itiyoophiyaan waggoota dheeraaf ulaa galaanaa qabaachaa kan turte, sochii ji’oo-siyaasaa qaxanichaanis hirmaannaa guddaa qabaachaa kan turte ta’uu yaadatanii, waggoota 30 darbe ulaa galaanaa malee turuunshee kan nama gaabbisiis ta’uu kaasaniiru.
Barreessaan olaanaa mana maree waloo Taarikuu dinbaruu, gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafatte ajandaa ta’ee as bahuunsaa murteessaa fi dhimma bu’uraa waan ta’eef mootummaan galateeffamuu qaba jedhaniiru.
Yaa’iin walii gala barbaachisummaa fi gaaffii haala yeroo ta’uusaa walii galtee waloorra gahee hojiirra oolmaasaaf qoodasaa bahuuf qophii ta’uusaa mirkaneessaniiru.
Ulaan galaanaa Itiyoophiyaan hiyyummaa keessaa kan ittiin baatu, guddummaa dippilomaasii riijinichatti kan ittiin mirkaneessitu,daldalashee kan ittiin si’eessitu dhimma murteessaa waan ta’eef manni marichaa ni deeggara kan jedhan ammoo walitti qabaa mana marichaa obbo Salamoon Taaffasaati.
Dhimma ulaa galaanaa ajandaa biyyaa akka ta’u kan taasisan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad galata guddaa akka qaban dubbatanii, gaaffichi meeshaa olaanaa dhimmi Itiyoophiyaa itti mirkanaa’udha jedhaniiru.
Manni maree waloo naannichaa paartileen siyaasaa 22 miseensa itti ta’an, gaaffii ulaa galaanaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaa fidhimma faayidaa biyyaalessaa gochuun akka fudhatu ta’uusaa fi deebiisaafis kan hojjetu ta’uu mirkaneesseera.